﻿Kitaaba Iyoobii.
34.
Eliihuun ammalle dubbatee, 
«Isin namoota qaro'o, dubbii tiyya dhage'a'a; isin worri beekkoleen na caqasa'a. 
Akkuma arrabi mi'aa sagale'ee beeku gurrille mi'aa dubbi'ii beeka. 
Kowa'a waan sirrii te'e filanna; waan dansaalle woliin baranna. 
«Iyoob ifiin, ‹Ani yakkaa hin qabu; Waaqi ammoo haqa na dhooggate. 
Ani adoo dhugaa irra jiruu akka dharaamessaa laakkowame; adoo yakkaa hin qabaatin madaa hin fayyineen farriisatti jira› jedheera. 
Nama attamiititti akka Iyoobii murgoo akka bisaanii una ree? 
Inni worra hantuu godhu woliin jaaloma; worra hamaaleyyii wolille'een oola. 
Inni, ‹Waaqa gammachiisuun womaa namaaf hin baatu› jedha. 
«Tanaaf isin worri hubattanu na caqasa'a! Hantuu godhiis Waaqa irraa dokonkora hujiisille Waaqa waan mara dande'u irraa fagaatuu ti. 
Waaqi akka hujii namaatitti namaaf hin kaffala; akkuma ideensa isaatitti akka inni dhaggatu hin godha. 
Waaqi waan mara dande'u hantuu hin huju; inni haqa hin dassu. 
Lafa irratti eentu ajajaa isa godhe? Biyya lafaa duudii irratti eentu itti gaafatamaa isa godhe? 
Waaqi ayyaana ifii deebisee yoo fudhate, hafuura ifiille gara ifii yoo deebifate, 
sanyiin namaa duudiin adduma tokko baddee gara biyye'ee deebiti. 
«Nama hubatu yoo teete tana dhage'i; waan ani jedhulle caqasi. 
Nami haqa jibbu bulchuu dande'aa ree? Ati Waaqa! Balchichaa fi hunnaamessatti yakkaa itti murtaa ree? 
Mootichaan, ‹Ati woy hin baatu›, qondaaltotaan, ‹Isin worra hamaaleyyi'ii› ka jedhu eennu? 
Isaan duudiin hujii harka isaa waan te'aneef, inni qondaaltotaaf hin rogu; dureessa hiyyeessa irra caalchisee hin ilaalu. 
Namooti halkan wodhakkaa dedhuma du'uu dande'an; kolbaan raafantee dhumatti; worri hunnaameyyiin harki namaalle adoo isaan hin tuqin hin badan. 
«Ilti Waaqaa ideensa namaa ilaalti; inni tarkaaffii nama tokko tokkoolle hin dhagga. 
Dimimmis yookiin dukkanti dimmi addeen worri hantuu huju itti dhokatu hin jirtu. 
Waaqi fuula isaa duratti mura'aaf akka dhikaatanu beellama hin qabatu. 
Inni qorqortii malee hunnaameyyii baallii irraa kaasee, worra dhibii addee isaanii buusa. 
Inni hujii isaanii mara waan beekuuf, halkan tokkotti baallii irraa isaan kaasee balleessa. 
Inni addee nami duudiin dhaggutti hammeenna isaaniitiif isaan adaba. 
Sababa isaan isa hordofuu lakkisanee, isaaf ajajamuu dhabaneef inni tana godhe. 
Iyyi worra hiyyeeyyi'ii gara Waaqaa akka dhaxxu godhaneeran; Waaqille iyya isaanii dhage'eera. 
Yoo inni cadhise ammoo eentu isatti mura; yoo inni fuula ifii dhoffate eentu isa dhagguu dande'a ree? Inni nama irratti, gosa biyya adda addaa irralle'etti, 
worra kolbaa gowwisiisanu keessaa nama Waaqa malee jiraatu tokko mootii yoo godhe eentu isa dhoogga ree?. 
«Nami tokko Waaqaan, ‹Ani yakkaamessa; ammoo deebi'ee hin yakku. 
Waan ani hin dhaggine ati na barsiisi; yoo yakkee jiraadhe deebi'ee hin yakku› jedhe jiraa ree?. 
Ati cubbuu irraa deebi'iisa didataartuun Waaqi akka yaada keetii deebisaa ree? San sittuu filata malee anaa moti; tanaaf waan beettu natti himi. 
«Worri hubatuu, worri qaroon na dhage'ulle anaan, 
‹Iyoob beekkumsa malee dubbata; dubbiin isaalle ta gatii hin qanne› hin jedhan. 
Deebiin Iyoobii ta akka worra hamootaa waan teeteef Inni haga dhumaatitti qoramee adoo hin ilaallamuu! 
Inni cubbuu ifii irratti finqila ede'a; inni odduu teenna tee'ee tuffi'iin harka dhowaa dubbii moromaa ifii Waaqa irratti fakkansa» jedhe. 
