﻿Kitaaba Iyoobii.
31.
«Ani ila halcha'aatiin gara durraa akka hin ilaalle ila tiyya woliin gondooroo gondooradheera. 
Gubbaa irraa Waaqa biraa qoodi namaa maan? Ka waan mara dande'u ka addee oli aantuu jiru biraa dhaalli namaa maan? 
Balaan worra hama'aaf badiin worra dokonkora hujuufii motii ree? 
Waaqi karaa kiyya hin dhagguu ree? Tarkaaffii tiyya duudiille hin laakkowuu ree? 
«Sobaan yoo deemee jiraadhe miilli kiyya sobiisaaf yoo ariifatee jiraate, 
akka ani komii hin qanne akka beeku Waaqi kiiloo sirri'iitiin na madaaluu ti. 
Faanti tiyya karaa irraa yoo gortee jiraatte gadhaan kiyya waan ilti tiyya dhaggitee yoo hordofee jiraate harki kiyyalle cubbu'uun yoo battowee jiraate, 
waan ani facaase nami dhibiin nyaatuu ti; midhaan kiyya duudiille buqqa'ee baduu ti. 
«Gadhaan kiyya dubarti'iin sossobamee, balbala ollaa kiyyaa duratti riphee haadha manaa isaa eegadhee yoo jiraadhe, 
haati manaa tiyya nama dhibi'iif midhaan daattuu ti; nami dhibiille isii woliin rafuu ti. 
Wonni kun yakkaa guddoo seera duratti adabbii namatti fiddu. 
Cubbuun tun akka ibiddaa guddee balleessiti; ani adoo tana godhee jiraadhe karra tiyya mara hin balleessitiiyyu. 
«Tajaajiltooti tiyya ta dhiiraatii fi ta durraa natti iyyatanuun, iyyata isaanii dhage'iisa yoo dhabee jiraadhe, 
yennaa Waaqi mura'aaf ka'u ani maan godhu'uu jira ree? Yennaa inni na gaafatu ani maan deebisu'uu jira ree? 
Gadaamessa haadha tiyyaa keessatti na dadee, tajaajiltoota tiyyalle ka dade isaa motii ree? Nu mara gadaamessa keessatti ka dade isumaa motii ree? 
«Waan Hiyyeeyyiin halchite ijjumaa dhooggadhee hin beeku; haadhotii hiyyeessaalle jajjabeessiisa hin lakkinne. 
Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne beelottuun sagalee tiyya qofi hin nyaanne. 
Ammoo dargaggummaa tiyyaa jalqabee akka abba'aa isaaniif te'eera; bara jiruu tiyyaa mara haadhotii hiyyeessaa qarqaareera. 
Nama daare tokko yookiin hiyyeessa qullaa jiru tokko dhaggee, 
woyaa rifeensa hoolee tiyyaa irraa hujante, itti uffiseeruun o'ifatee yennaan inni na hin eebbisin hin jirtu. 
Kora mura'aa duratti fudhatama dhaggatiisa kiyya beekee ijoollee hadhaa fi abbaa hin qanne yoo miidhee jiraadhe, 
harki kiyya gurmuu tiyya irra buqqa'u; mitikaan harka kiyyaalle caccabu. 
Badii Waaqi na irratti fidu waan sodaadheef, sodaachisuu arnya isaa irraa ta kaate waan akkasii godhuu hin dandeenne. 
«Ani worqi'itti addii godhadhee hin beeku; yookiin worqii qulluulle'etti hin addanne. 
Karri tiyya guddoo waan teeteef, yookiin durummaan tiyya waan bacatteef gammadee yoo jiraadhe, 
ifa adu'uu, yookiin ji'a ulfinnaan deemu ilaalee yoo jiraadhe, 
gadhaan kiyya dhossa'aan sobamee, ifa adu'uutii fi dansummaa ji'aatiif harka kiyya sunqatiisaan isaan waaqonfadhee yoo jiraadhe, 
ani Waaqa ol-aana'aaf addatamuu waan dhabeef, tun cubbuu du'a namatti mursiittu. 
«Ani badii worra na jibbuutitti hin ilillinne; hantuun yennaa isaan dhaqqaddelle ani hin gammanne. 
Jiruun diina kiyyaa akka baddu abaaree, afaan kiyya cubbuu akka dubbatu hin goone. 
Nami mana kiyyaa ‹Sagalee isaa nyaatee ka hin quufin eentu jira?› jedhan. 
Ani worra karaa deemuuf balbala tiyya waan baneef keessummaan karaa keessa hin bulle. 
Ani yakkaa tiyya gadhaa kiyya keessatti dhoffadhee, akka worra dhibi'ii cubbuu tiyya hin gollanne. 
Kolbaa bindillaa sodaatiisaan tuffiin maati'ii na bararassitee mana keessaa adoo hin bayin cadhisee mana keessa hin teenne. 
«Maalo'o, nama naa dhage'u adoo qabaadhe! Akka dhugaa dubbadhe mudhisiisaaf mallattoon tiyya kunoo ti. Waaqi waan mara dande'u naaf deebisuu ti; Ka na himatu himata ifii tarre'een barreeffatee adoo hin dhikeeffatuu! 
Silaa ani dhugumaan himata san gurmuu tiyya irratti hin kaafadhaayyu; akka kallachaalle mataa kiyya irratti hin keyadhaayyu. 
Ani laakkossa tarkaaffii tiyyaa duudii isatti hima; akka sooressa guddaa tokkoolle isatti dhikaadha. 
«Worra lafa qabu cunqursee lafa isaaniille hunnaan fudhadhee qotee yoo jiraadhe, 
midhaan isaanii kaffaltii malee nyaadhee, akka isaan du'anu godhee yoo jiraadhe, 
lafa san irratti addee qamadi'ii qoreen addee garbu'uu jigidaan ajowu latuu ti» jedhe. Dubbiin Iyoobii as irratti dhumatte. 
