﻿Kitaaba Iyoobii.
30.
«Amma ammoo worri gannaan anaa gadii natti murga; ani abbootii isaanii saree tika hoolee tiyyaa eeddu woliinuu akka hin teenneef ta tuffadheeru. 
Hunni isaanii waan dhumatteertuuf maan naa bayan? 
Dhabaa fi beela irraa ta kaate goomolee nami keessa hin leene lafa godduu keessa halkaniin daaqane. 
Isaan baala goomole'ee ka kuraawu guuratane; hidda muka hadhowuulle nyaatane. 
Isaan kolbaa keessaa ari'amane; akkuma hattu'utti iyyanu namooti isaanitti iyyane. 
Goda bowwaa keessaa rassaa oddu'uu fi boolla lafa jalaa keessa le'iis dirqama itti teete. 
Isaan odduu tuse'eetii akka harre'ee baroodane; badda jalalle'etti wolitti qabamane. 
Isaan worra bu'aa hin qanne, ka maqaa badee lafa irraa ari'ame. 
«Isaan sirbaan natti murgan; odduu isaaniitille'etti ka mammaassaa te'eera. 
Isaan na jibbanee na irraa fagaatan; itti qaanii malee fuula kiyyatti tufan. 
Waaqi hunna tiyya laaffisee waan gad na qabeef, akka farda bixaalli irraa bu'ee waan fedhane na godhane. 
Gara midda kiyyaatiin worri nama jeequ ka'e; isaan miila kiyyaaf tiyyoo afanee badii naaf qopheessane. 
Isaan karaa natti cufanee na balleessiisa barbaadan; nami na qarqaarulle hin jiru. 
Isaan akka lola'aa dalleya kiyya uranee seenane; waan mara caccassaa natti dhufane. 
Ani guddoo sodaadheera; ulfinni kiyya akka waan qilleensi fudhateetitti na irraa haxowameera; fayyinni kiyya akka duumensaa dabareera. 
«Amma lubbuun tiyya na keessaa bayaarti; guyyooti farraalle na qabataneeran. 
Halkan lafeen tiyya na bocci; dhukkubiin na boccu foora naa hin kennitu. 
Waaqi hunna ifii guddo'oon woyaa tiyya shuntuurachiiseera; akka woyaa morma dhipho'oo na hudheera. 
Waaqi dhoqqee keessatti na gate; anille akka buku'uutii fi daadha'a te'e. 
«Ee Waaqa, ani si waammadhe, ati ammoo naaf hin deebinne. Ani dhaabbadhee gara keeti daadimadhe; ati ammoo cadhittee na ilaalte. 
Ati gadhaa natti jabaattee hunna teeti guddo'oon na miite. 
Ati ol na fuutee qilleensa irra teessitte; bubbee keessa asii fi achi na hafarsite. 
Gara du'aa addee worri jiru duudiin du'ee itti galutti akka ati na geessitu ani hin beeka. 
«Ani akka mana jigee ti; eentu deebisee na ijaara ree? Adoo ani ijjumaa jigee hin badin Waaqi deebisee na hin ijaaruu ree? 
Ani worra rakkateef hin boonnee ree? Worra hiyyeeyyi'iifille hin gaddinee ree? 
Yennaa ani waan dansaa barbaadu wonni hantuun natti dhutte. Yennaa ani ifa eegadhulle dukkanti natti dhutte. 
Keessi kiyya raafamee nageya dhabe; guyyuma guyya'aan rakkadhe. 
Nafi adu'uun adoo hin te'in gaddaan gurraachowee deema; yaa'ii keessatti dhaabbadhee qarqaarsaaf iyya. 
Ani namaan adda bayee jeedalaaf obboleessa guchi'iif jaala te'eera. 
Gogaan nafa kiyyaa gurraachowee solloqqoye; lafeen tiyyalle o'aan gubatte. 
Kiraarri kiyya guddichi bowaaf suusulleen tiyyalle worwaanataaf teete. 
