﻿Kitaaba Iyoobii.
25.
Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee, 
«Mootumma'aa fi sodaatamuun ta Waaqaa ti; inni ol-gubbaa oliititti nageya hin buusa. 
Laakkowamuu dandeettii ree? Ifi isaa eennu irratti ifuu dhaba ree? 
Nami attam Waaqa duratti balchaa te'uu dande'a ree? Nami nama te'ee dhalate attam qulqulluu te'uu dande'a ree? 
Kunoo, ji'inuu isa duratti akka dansaa hin ifu; urjootille isa duratti qulqullu'uu moti. 
Ilmi namaa ka akka raammo'oo fa'a, attam attam caalaa diqqaata ree!» jedhe. 
