﻿Kitaaba Iyoobii.
24.
«Waaqi waan mara dande'u guyyaa mura'aa maaf hin murteessin? Worri isa beekanu guyyaa mura'aa san maaf hin dhaggin? 
Worri hamaan beessisa meessa'aa balleessa; isaan hoolee hatane bobbaafatan. 
Harree ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee oofatanee deeman; qotiyyoo haadha hiyyeessaa qaddi'iif fudhatan. 
Isaan hiyyeeyyii karaa irraa hin ari'an; hiyyeeyyiin lafa irraa marti isaan duraa hin baqatan. 
Hiyyeeyyiin akka harree diidaa goomolee keessa ijoollee ifiitiif sagalee barbaassa lafa goomole'ee keessa daddaaqan. 
Isaan fichaa nama dhibi'ii keessaa okeya hin haammatan; oorruu woyni'ii ta worra hama'aa keessalle'ee woxoo qocatan. 
Halkan guutuu qullaa bulan; boojji'iif'ille waan ifi irra buufatanu hin qabanu. 
Bokkeya gaara irra roobuun hin tortoran; waan jalatti qophatanu dhabanee rassa'atti maxxananee bulan. 
Worri hamaan daa'ima abbaa hin qanne harma irraa butanee garboonfatan; daa'ima hiyyeessaa qaddii godhatan. 
Hiyyeeyyiin woyaa malee qullaa ifii deeman; isaan laddee hin ba'atan ammoo hin beelowan. 
Tarree fichaa worra hamoole'ee oddu'utti zayitii ejersaa hin cunfan; unkuruura woyni'ii irralle'ee daadhii woyni'ii hin cunfan; isaan ammoo hin dheebotan. 
Qachoota gugurdaa keessaa worri du'u hin aadan; worri madowanelle qarqaaramiisaaf hin iyyan; Waaqi ammoo daadimata isaanii hin caqanne. 
«Worri ifa jibbu, worri karaa ifaa hin beenne, yookiin daandii ifaa irralle hin turre jiran. 
Nami nama ijjeesu fuullee bari'iitiin ka'ee, hiyyeeyyi'ii fi worra rakkate hin ijjeesa; halkanille akka hattu'uu hata. 
Nami gaarayyeeffatu lafa dhiitu eegata; eennulle akka isa hin dhaggineef fuula ifii hin hagooggata. 
Hattuun halkan qottee seenti; guyyaa ammoo dhokaata oolti; ifaan waan tokkolle godhuu hin barbaaddu. 
Dukkanaan bararassiisi waan isaan gammachiittuuf, dukkanti dimmi isaaniif ganama. 
«Worri hamaan akka hoomacha bisaan irraa, yennaa diqqoo qofaaf mudhatan. Qoodi lafa isaanii ta abaarante waan teeteef, namuu gara fichaa woynii isaanii hin dhaqu. 
O'ii fi caami dhakaa bokkeyaa ka baqe akkuma balleessu qileen awwaala jalaalle cubbaaleyyii akkasuma gooti. 
Haadhotiin isaanii isaan hin deeti; corroxxille isaan hin nyaatti; namuu isaan hin qaabatu; worri hamaan akka mukaa hin caccaba. 
Isaan dubartii deya hin qanne hin cunqursan; haadha hiyyeessaatiifille waan dansaa hin godhanu. 
Waaqi ammoo hunna ifiitiin worra hunnaameyyii hin balleessa. Le'iin isaanii ta tolte fakkaatulle, jiruu addachiittu hin qabanu. 
Waaqi akka isaan nageyaan le'anu lakkisulle, karaa isaan deemanu hubatee hin ilaala. 
Worri hamaan yennaa diqqo'oof hin jajaman; achiin duuba ammoo akkuma daraara'aa qooranee hin badan; akka midhaaniille hin haamaman. 
«Yoo akkas hin te'in ani dharaamessa akka te'ee fi wonni ani dubbadhe sirrii akka hin te'in ka mirkaneessu eennu ree?» jedhe. 
