﻿Kitaaba Iyoobii.
23.
Achiin duuba Iyoob deebisee, 
«Ani iyyaa aadulle dhowichi isaa waan natti jabaateef, haga ammaa gadhaan kiyya gadda hama'aa fi gungussu'uun guutameera. 
Addee isa itti dhaggu adoo beeke, gara addee inni le'uu dhaqee, 
silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee, afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu. 
Waan inni naaf deebisu sila hin beekaayyu waan inni naan jedhulle sila hin hubadhaayyu. 
Waaqi hunna ifii guddo'oon na morminnaa laati? Waawwo'o! Inni naaf hin dhage'a. 
Achitti nami qajeelaan haajaa ifii Waaqa duratti dhikeeffata; Waaqi abbaan mura'aa kiyyalle haga bara baraa bilisa na hin baasa. 
«Ani gara aduun baatu yoo dhaqe inni achi hin jiru. Gara aduun seentulle yoo deebi'e, isa dhagguu hin dandeenne. 
Yennaa inni gara kaabaatiin huju ani isa dhagguu hin dande'u. Yennaa inni gara kibbaallee deebi'uu ani isa dhagguu hin dande'u. 
Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka; yennaa inni haga na ilaalu akka worqi'ii qulqulluu te'eeruun na dhagga. 
Miilli kiyya faana isaa gula deema; karaa isaa irraa asii fi achi hin goru. 
Ajaja afaan isaatii bawu irraa, ani hin fagaanne; jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera. 
«Waaqi hin jijjiiramu; eennulle isa mormuu hin dande'u; inni waan fedhe godha. 
Inni waan naaf yaade mara hin muummessa; wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti. 
Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa; yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha. 
Waaqi na sodaachise; ka waan mara dande'u na bararasse. 
Te'uu malee ani dukkanaan, dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne. 
