﻿Kitaaba Iyoobii.
17.
Qooqqee qofatti na keessa jira; barri jiruu tiyyaa haleelameera; awwaallille na eegata. 
Dhugumaan worri natti murgu na marsaneeran; ilti tiyyalle nunnuussaa isaaniititti xiyyeeffatti. 
«Waaqa kiyya, ka si woliin wobii naaf te'u naa kenni; si'uma malee, ka dhibiin ka wobii naaf te'u eennu ree? 
Akka isaan hin hubanneef qalbii isaanii cutteerta tanaaf akka isaan injifatanu hin gootu. 
Nama beese'eef jedhee jaala ifii dabarsee kennu ijoolleen isaa hin rakkatti. 
«Waaqi nama nami marti fuulatti tufu nama duudi'iifille ka mammaassaa na godhe. 
Gadda irraa ta kaate ilti tiyya dhagguu dadhaddee nafi kiyya duudiin akka gaaddiddu'uu te'eera. 
Worri qajeelaa ifi seyu waan kana maadeffata; worri yakkaa hin qanne worra Waaqa malee le'utti ka'a. 
Te'uu malee balchooti karaa dhuga'aa irraa hin goranu; worri harki isaanii qulqullu'uu ifi seyanu jabeenna irratti jabeenna ede'atan. 
«Isin marti ammoo deebi'aatii ammalle wodhaana'a. Ani odduu teessanitti nama qaroo hin dhaggu. 
Barri le'ii tiyya hobba'eera; karoorrii fi halchaan gadhaa kiyyaa karaa irratti hafane. 
Jarri tun halkan guyyaa gooti; yennaa dukkanaa, ‹Ifi dhikaateera› jedhan. 
Boolla awwaalaa akka mana kiyyaatitti yoo ilaale, taqee tiyya dukkana keessatti yoo afadhe, 
boolla awwaalaatiin, ‹Ati abbaa kiyya› corroqa na nyaattulle'een, ‹Haadha tiyya yookiin obboleettii tiyya› yoo jedhe, 
addiin tiyya meet ree? Addii tiyya tana eentu naaf dhagga ree? 
Yoo ani gara boolla awwaalaa bu'u addiin tiyya na woliin gad buutii ree? wolille'een biyyee seennaa ree?» jedhe. 
