﻿Kitaaba Iyoobii.
16.
Achiin duuba Iyoob deebisee, 
«Ani dubbii akkasii hedduu dhage'eera; isin marti jajjabeessitoota nama hifachiittanu. 
Dubbiin teessan ta bu'aa hin qanne tun hin dhumattuu? Yookiin akka ati na woliin falmiisa hin lakkinneef maanti si kakkaasa? 
Adoo isin addee tiyya buutanee, ani addee teessan bu'ee jiraadhee murgo'oon mataa isinitti raasaa akkuma isin amma jettanu anille isin irratti miidhassee dubbadhaayyu. 
Dubbii afaan kiyyaatiin silaa isin hin jajjabeessaayyu; isin jabeessiisaafille guddoo dubbatuu dande'aayyu. 
«Ani yoo guddoo dubbadhelle dhibeen tiyya hin goontu; yoo osselle dhibeen tiyya na hin lakkittu. 
Waaqa kiyya, ati na daddassiitteerta; maatii tiyya duudiille balleessiteerta. 
Ati na shuntuurachiitteerta; shuntuuratiis nafa kiyyaa na irratti dhugaa bayaa te'eera; huqqinni kiyya na irratti ka'ee, akka ani cubbuu huje dhugaa hin baya. 
Waaqi mufii ifiitiin nafa kiyya kukkute inni hidhii natti ciniinnatee, diinni kiyyalle ila natti diimeffate. 
Namooti na ceeggatiisaaf afaan ifii natti banane; tuffiille'een na dhabanaasanee wolitti qabamanee natti ka'ane. 
Waaqi kolbaa hantu'utti dabarsee na kennee, harka worra hama'aatitti na gate. 
Ani nageyaan le'aa tureeyyu; Waaqi ammoo mufii ifiitiin na hargufe; inni morma kiyya hudhee na butuchee, waan itti xiyyeeffatu na godhate. 
Worri guube'ee ka isaa na marsee, marartii malee kalattii tiyya kukkutee hadhoottuu tiyyalle lafatti jisse. 
Inni itti deddeebi'ee na madeesse; akka loltu'uu gara kiyya ori'e. 
«Ani gaddee woyaa gaddaa uffadheera; bukuu keessalle'etti jigeera. 
Fuulli kiyya bowichaan diimatee, ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti; 
tun duudiin teetulle ani hunnaan nama irratti hin kaane; daadimati kiyyalle qulqullu'u. 
«Ee lafa, dhiiga kiyya hin dhossin! Iyyi tiyya si biratti ukkaamantee hin hafin! 
Kunoo ka dhugaa naa bayuu fi wobiin kiyya ol-gubbaa jira. 
Jaaloti tiyya na tuffatti; ani ammoo gara Waaqaa bowa. 
Akkuma nami nama kadhatee wolitti araarsu, nami namaa fi Waaqa wolitti araarsu adoo hin jiraatuu! 
«Ani deensa deebi'ee hin deebine deemiisaaf woggaa diqqoo qofatti naa hafeera. 
