﻿Kitaaba Iyoobii.
15.
Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee, 
«Nami qaroon dubbii hiikkaa hin qanne hin dubbataa? Gadhaa ifii keessalle'etti yaada miidhaa qabu qabatuu qabaa ree? 
Inni dubbii bu'aa hin qanneen, yookiin haasowa woy hin baaneen hin falmataa ree? 
Ati ammoo Waaqa sodaatiisa lakkitteerta; waaqonfannaa isaaf maltelle hin gufachiitta. 
Yakkaan teeti dubbii teetiin beekkanti; ati ammoo akka worra malte'ee dubbatiisa filatta. 
Dubbuma teetittuu sitti mura; arrabuma keetittuu dhugaa si irratti baya malee, anaa moti. 
«Nama duudi'iin dura ka dhalate si'ii ree? Ati gaaroti adoo hin dadaminiin dura dadantee ree? 
Marii Waaqaa ta dhossa'aa dhageetteertaa? Qarummaa nama duudi'ii ka beeku si qofa seetaa? 
Waan nuuti hin beenne, maan beetta? Waan nu'uuf ifa hin te'in maan hubatte? 
Worri mataan isaanii arrii te'e ka abbaa keeti caalaa dulloomane nu woliin jiran. 
Jajjabeessiis Waaqaa yookiin jechi inni malaan sitti dubbate si hin gewuu? 
Qalbiin teeti maaf si fudhattee ideenti? Aari'iin ila teeti maaf baatta? 
Maaf Waaqatti aartee dubbiin akkasii afaan keetii baati? 
«Nami qulqulluu te'uu hin dande'aa ree? Nami foon uffate balchaa te'uu dande'a ree? 
Waaqi ergantoota ifiitittuu hin addatu; ol-gubbaanuu isa duratti qulqullu'uu moti. 
Nami yakkaa akka bisaanii unu, attam attam bada'aa fi battowa'a ree! 
«Ani waan dhagge hin dubbadha; sitti hima na caqasi. 
Sunille waan worri qaroon abbootii ifii irraa fuudhee adoo hin dhossin dubbate. 
Latti abbootii isaanii qofaaf kennanteertiiyyu; ormille odduu isaanii hin leene. 
Nami hamaan ka nama cunqursaa le'e, bara ifii duudii farraa le'a. 
Qoonqoon bararassitu gurra isaatitti iyyiti; yennaa wonni marti nageya itti fakkaattutti ka balleessu isatti hin dhufa. 
Shallaagaan isa waan eegatuuf inni dukkana keessaa bayiisaaf addii hin qabu. 
Sagalee allaatti'ii te'iisaaf hin joonja; guyyaan dukkanaa akka isatti dhikaatelle hin beeka. 
Gaddaa fi laaleffati isa bararassan; akka mooticha lolaaf qophowee itti hammaatan. 
Inni harka ifii Waaqa irratti waan kaaseef, Waaqa waan mara dande'u irratti jabaa waan ifi fakkeesseef, 
mataa jabinnaan wontee ifii furdoo-jadduu fudhatee ifi irraa dhooggatiisaaf itti fiiga. 
«Fuulli isaa coomaan gollameera; hidhi isaa coomaan furdateera. 
Nami kun qachoota diigame, mana nami keessa hin leene, ka diigamiisaaf dhikaate keessa le'a. 
Inni hin duroomu, karri isaalle yennaa heddu'uuf hin turtu; lafa irralle'etti hin babadhattu. 
Inni dukkana jalaa hin miliqu; akka muka dameelee isaa bobeenni ibiddaa gosseetii fi daraaraan isaalle hafuura aarii Waaqaatiin harca'ee hin te'a. 
Inni womaa waan irraa hin dhagganneef, waan bu'aa hin qannetti addatiisaan ifi hin sobin. 
Akka muka jirmi isaa yennaan adoo hin geyin goguutii fi dameeleen isaa hin bisillee hin te'a. 
Inni akka muka woyni'ii ka unkuruura ifii adoo hin bilchaatin harcaafatuutii fi akka muka ejersaa ka daraaraa ifii harcaafatuu ti. 
Worri yaada Waaqa malee le'u sanyii hin qabaatu; Manni safu'uun ijaarame ibiddaan gubatee bada. 
Worri akkas jiru hammeenna karoorfataa rakkinna fida; gadhaan isaaniille sobaan guutameera» jedhe. 
