﻿Kitaaba Iyoobii.
13.
«Kunoo, tana mara ilti tiyya dhaggiteerti; gurri kiyyalle dhage'ee hubateera. 
Waan isin beettanu anille hin beeka; ani isinii gadii moti. 
Ani ammoo Waaqa waan mara dande'u woliin dubbadhee, haajaa kiyya isa woliin falmuu fedha malee, si woliinii moti. 
Isin ammoo dharaan hallitan; isin akka ogeeyyii eennulle fayyisuu hin dandeennee ti. 
Ani silaa adoo cadhittane fedha, sun isiniif qarummaa hin teetiiyyu. 
Amma falmata kiyya dhage'a'a; iyyata afaan kiyyaalle caqasa'a. 
Isin Waaqaaf jettanee dhara dubbattanii? Isaaf jettanee soballe dubbattanii? 
Isin isaaf rogaartanii ree? Kora mura'aa duratti haajaa Waaqaaf falmitanii ree? 
Waaqi yoo isin qorqore isiniif dansa'aa ree? Yookiin akkuma nama soddanu Waaqalle sobuu hin dandeettanii ree? 
Isin dhossa'aan yoo roddane, inni dhugumaan isin hin xixa. 
Arinyi isaa isin hin bararassuu ree? Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu ree? 
Mammaassi keessan akka daadha'aa bu'aa hin qabu; falmiin teessan akka faaraa caccaddi. 
«Me na irraa cadhisa'a; wonni feete natti dhuttuutii, ani hin dubbadha. 
Ani maaf ifi rakkisee lubbuu tiyyalle harkatti qabadhee le'a? 
Waaqi yoo na ijjeeselle, ani isuma addadha; dhugaa tiyyalle isuma duratti falmadha. 
Worri Waaqa malee le'u Waaqa dura dhikaatuu waan hin dandeenneef, kun fayyinna kiyyaaf te'a fa'a. 
Dubbii tiyya akka dansaa caqasa'aatii, waan ani jedhulle gurri keessan dhage'uu ti. 
Ani dubbii tiyya akka dansaa qopheeffadheera; akka dhugaa dhaggadhulle hin beeka. 
«Ka na himatu jiraa ree? Yoo jiraate ani adoo hin falmatin cadhisee hin du'a. 
«Ee Waaqa! Akka ani fuula keeti duraa hin dhokanneef, waan lamaan kana qofa si gaafadha: 
Na adabiisa lakkisi; arnya keetille'een na hin bararassin. 
Achiin duuba na waami, anille hin owwaadha. Yookiin ani hin dubbadha ati deebii naaf kenni. 
Yakkaan tiyyaa fi cubbuun tiyya hagam heddatti? Balleessaa tiyyaa fi cubbuu tiyya natti himi. 
Ati maaf fuula keeti na duraa dhoffattee, akka diina keetiititti na laakkotta? 
Ati akka baala qilleensi fuudhee ideemuu na sodaachisaa, akka hicaacee goddu'uu na ariitaa? 
Ati himannaa hadhoottuu na irratti barreessite. Gatii yakkaa bara ijoollummaa tiyyaalle, akka dhaggadhu goote. 
Ati miila kiyya jirma oddu'utti hiiteerta; tarkaaffii tiyya duudii hin eedda; faana miila kiyyaalle hin qorqorta. 
«Tanaaf ani akka waan shamee, akka woyaa qu'een nyaattee hin bada. 
