﻿Kitaaba Iyoobii.
7.
«Nami elo'oon lafa irra jiraataa motii? Barri isaalle akka bara nama qaxaramee hujuutii motii ree? 
Akka garboolee gaaddisa jala foorfatiisa barbaadanuutii fi akka hojjatoota mindaa ifii eegatanuutii mootii? 
Ji'ooti elo'oo naaf ka bu'aa hin qanne te'ane; halkan farraalle naaf kennamane. 
Yennaa rafu ‹Yoom dammaqa?› jedhaa, halkan natti dheeratee, haga bariitutti asii fi achi gara gaggala. 
Nafi kiyya duudiin corroqoyee qonyonyaayeera; babbaqaqeelle maloweera. 
«Barri kiyya mooqaa harfa'aa caalaa ariifata; addii maleelle dhumata. 
Ee Waaqa, jiruun tiyya akka hafuura baafatiisaa fi fudhatiisaa ti; ilti tiyya deebitee waan dansaa hin dhaggitu. 
Ilti amma na dhaggitu, deebitee na hin dhaggitu; ati na hin barbaadda ani ammoo hin jiru. 
Akkuma duumensi bittinnowee badu, nami du'ee awwaalamu deebi'ee hin ka'u. 
Lammoo gara mana ifii hin deebi'u; worri isa beeku duudiin isa hin dedha. 
«Tanaaf ani hin cadhisu; laalaa ayyaana kiyyaa hin dubbadha; hadhaa lubbuu tiyyaa irraa ta kaate hin gunguma. 
Ati akka na eeganuuf ka goote, ani abbaaya'a moo bineensa guddaa abbaaya'aa ti? 
Taqeen tiyya na jajjabeessiti; addeen ani rafu dhibee tiyya irraa goonsiti yennaa jedhu, 
ati ammoo oojju'uun na sodaachitta; mudhille'een na bararassita. 
Jiruu farraa tanaa mannaa suruurraa ifitti dhowee du'u naaf woyya. 
Ani jiruu tiyya jibbeera; haga bara baraa le'iisa hin barbaadu; barri jiruu tiyyaa gabaabaa waan te'eef na lakkis. 
«Akka nama barbaachisaa te'e tokkootitti akka isa ilaaltuuf, akka guddoo isa yaadattuufille nami maan inni? 
Ati ganama ganama isa hin ilaalta; yennaa mara isa hin qorqorta. 
Haguma hancufa liqinsu ila ana irra hin deebifattuu? 
Waaqa namoota eeddu, ani yoo cubbuu huje maan si godhe? Maaf waan itti xiyyeeffattu na godhatte? Ani hagana mara ba'aa sitti te'ee? 
Ati maaf balleessaa tiyya naaf hin araaramin? Maaf yakkaa tiyya ana irraa hin balleessin? Ani amma waan awwaalamuuf, ati na hin barbaadda, ani ammoo hin jiru» jedhe. 
