﻿Kitaaba Iyoobii.
6.
Achiin duuba Iyoob deebisee, 
«Farri tiyya adoo madaalantee, gaargalli kiyya duudiin madaallii irra adoo keyamee jiraatee, 
maansa irga abbaaya'aa caalaa ulfaataayyu; tanaaf jarjariisaan dubbatiis kiyya si hin baaseffachiittu. 
Waaqi waan mara dande'u daaya ifiitiin na woraanee, hadhaan isaalle nafa keessa na faca'eera. Bararaqiisi Waaqaa na marseera. 
Harreen diidaa yennaa marra dheeddu, Yookiin qotiyyoon yennaa okeya nyaattu hin baroodii ree? 
Sagalee hin mi'oonne soodda malee nyaatanii ree? Yookiin bisaan quupha'aa hin mi'owaa ree? 
Ani sagalee akkasii tuqiisalle hin jibba; yoo nyaadhelle akka dhibamu na gooti. 
«Maaloo waan gaafadhe adoo dhaggadhee, Waaqi halchaa tiyya adoo naaf guutee! 
Fedha isaa teetee adoo na caccassee, harka ifii diriirsee adoo na balleessee, 
tun silaa naaf jajjabeenna. Ani jecha Waaqa woyyichaa waan hin mormatiniif, dhibeen natti fakkantulle ani silaa gammadaan hin utaalaayyu. 
«Jiru'uun le'iisaaf jabeenna maan qaba ree? Eega addii hin qabaatinii maaf le'a ree? 
Jabeenni kiyya jabeenna dhaka'aatii ree? Foon kiyya sageettu'uu ree? 
Dhugumaan ifi qarqaariisaaf hunna hin qabu; hunni tiyya duudiin na irraa fudhatanteerti. 
«Nami jaala ifii ka rakkatteef marartii dhabu, Waaqa waan mara dande'u sodaatiisa lakkiseera. 
Isin obboleeyyan tiyya ammoo, akka laga yennaa roobi hin jirree goguu na soddane. 
Lagi sun ji'a gannaa dhakaa roobaatiin guutama. 
Yennaa o'aa ammoo lagi sun hin dhabama; yennaa bonaa hin goga. 
Daldaltooti bisaan barbaadata karaa irraa miliqanee, goomolee keessa daaqaa badan. 
Daldaltooti Teema'aa bisaan hin barbaadatan; daldaltooti Sheebaalle bisaan dhaggatiisaaf addii godhatan. 
Lagi isaan addatanu waan gogeef addii hin kutatan; addee san yennaa geyanu hin bilinjoyan. 
Isinille akkuma laga goge sanii natti teetane; farra tiyya dhaggitanee sodaattane. 
Ani ‹Woy naaf kenna'a! Karra teessaniin na woda'a! 
Yookiin harka diinaa jalaa na baasa'a; yookiin harka worra na cunqursuu jalaa na woda'a!› jedheeraa? 
«Ani hin cadhisa, isin na barsiisa'a; dokonkora kiyyalle natti hima'a. 
Dubbiin dhuga'aa attam attam hunnaametti'i! Komiin teessan ammoo bu'aa hin qaddu. 
Isin dubbii tiyya sirreessuu barbaaddanii? Dubbii ana nama addii kutateelle akka qilleensaatitti laakkottanii ree? 
Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne irratti, hixaa buufattan; jaalota teessanille gurguriisaaf gadhassiittan. 
«Amma ammoo, maganne'ee gara kiyya ilaala'a! Ani fuula keessan duratti dhara hin dubbadhaa? 
Deebi'a'a; worra muraa dharaa muru hin te'ina'a; ammalle deebi'a'a; ani dhugaa irra jira. 
Arraba kiyya irra dokonkorri hin jiraa? afaan kiyya waan hantuu addaan baasuu hin dande'uu ree? 
