﻿Kitaaba Iyoobii.
4.
Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee, 
«Iyoob, yoo nami si woliin dubbatiisaaf sitti game hin ossattuu ree? Ammoo eentu dubbatuu lakkisaa ree? 
Ati namoota hedduu barsiitteerta; worra dadhabaa harka qaddee jajjabeessiteerta. 
Dubbiin teeti worra jigu utuddeerti; worra jilbi isaanii laafelle jabeessiteerta. 
Amma ammoo rakkoon sitti dhuttee, addii kutatteerta; waan sitti jabaattelle'eef, jajjabeenna dhaddeerta. 
Waaqa sodaatiis keeti, isatti addatiisa keeti qajeelummaan teetille addii teetii motiiyyuu ree? 
«Me yaadadhu: nami balleessaa hin qanne, yookiin nami balchaan badee beekaa ree? 
Akka ani dhaggetti worri waan hantuu qotuu fi rakkinna facaasu waanuma san haammata. 
Isaan hafuura Waaqi isaanitti baafatuun hin badan; qilleensa aarii isaatille'een hin dhumatan. 
Worri hamaan akka neenqaa dhangaa dhowa; qoonqoolle ol qabatee iyya; Waaqi ammoo ilkaan isaanii hin caccassa. 
Akkuma neenqa waan adansee nyaatu dhabee du'uu isaanille hin du'an. Akkuma ilmeen neenqa dhala'aa bittinnoottu, ijoolleen isaaniille hin bittinnootti. 
«Gaafa tokko ergaan takka gara kiyya dhuttee, gurri kiyyalle hasaassaa san dhage'e. 
Halkan yennaa kolbaan hirriiba hamaa keessa jirtu, ani mudhii na sodaachittu dhaggee, 
sodaadhee bararaqee, lafeen tiyya duudiin hollatte. 
Qilleensi fuula na dhowee, nafi kiyya suugajjaye. 
Achitti wonni takka dhaabbattuun dhagge; ammoo maan akka teete beekuu hin dandeenne. Achiin duuba cadheessa keessa, qoonqoo takka: 
‹Waaqa caalaa nami balchaa te'uu dande'aa? Yookiin ka isa dade duratti qulqulluu te'uu dande'aa? 
Waaqi tajaajiltoota ifiituu ka hin addanne eega teete, ergantoota ifii ta ol-gubba'aa irralle'etti dokonkora ka dhaggu eega teete, 
worra mana biyyee faaraa irraa hujamee, ta hundeen isaa biyyee keessa jirtu ka adoo qu'een hin nyaatin caccabu keessa le'anutti attam addata ree? 
Isaan ganamaa haga galgalaatitti hin badan; adoo nami itti hin yaadatin haga bara baraa hin badan. 
Isaan akka dongoraa dunkaani'ii ka buqa'uu, qarooma malee hin du'an› jettu dhage'e. 
