﻿Kitaaba Iyoobii.
1.
Nami maqaan isaa «Iyoob» jedhamu ka lafa, «Uzi» jedhantu keessa le'u tokko jiraayyu; inni nama komii hin qanne, qajeelaa, ka Waaqa sodaatuu fi ka waan hantuu irraa fagaate. 
Inni ilmaan torbaa fi ijoollee durraa sad, 
hoolee kuma torba, gaala kuma sad, qotiyyoo ximmaadii dhibba shan, harree dhibba shanii fi tajaajiltoota hedduu qabaayyu. Worra gara aduun baatu jiru keessaa dureessi isa gewu hin jiruuyyu. 
Ilmaan Iyoobii dabaree dabare'een mana mana ifiititti areerti'iif wol waamaniiyyu; obboleeyyan durraa sadiin ta ifiille waansisaa, isaan woliin nyaataa unaniiyyu. 
Guyyaan areerti'iif wol waamanu dabareen duuba, Iyoob, «Ijoolleen tiyya gadhaa ifii keessatti Waaqa yakkitee, isa arrassiteerti fa'a» jedhee waan yaaduuf, isaan qulqulleessiisaaf ganama ba'aa ka'ee akka laakkossa isaaniititti ciincaa dhikeessaayyu; inni waan kana yennaa mara tolchaayyu. 
Gaafa tokko ergantooti Waaqaa, Mootii Waan Maraa dura yennaa dhikaatane, Seexannille isaan woliin dhikaate. 
Mootiin Waan Maraa, «Ati eessaa dhutte?» jedhee, Seexana gaafate. Seexanni deebisee, «Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa ture» jedhe. 
Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafaa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate» jedhe. 
Seexanni deebisee, «Iyoob sababa malee si Waaqa sodaataa ree? 
Ati isaa fi maatii isaa, waan inni qabu duudi'itti dalleya marsitee ijaartee, hujii isaa duudii eebbittee, horii isaalle waan horsiitteefii motii ree? 
Me harka keeti diriirsiitii waan inni qabu mara balleessi; inni iluma teeti duratti si hin abaara» jedhe. 
Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a; Iyoob quballe'een hin tuqin malee, waan inni qabu mara akka feete godhuu dandeetta» jedhe. Achiin duuba Seexanni Mootii Waan Maraa duraa bayee deeme. 
Gaafa tokko ilmaan Iyoobiitii fi ijoolleen durraa ta isaa mana obboleessa angaficha ifiititti nyaataa, daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu, 
nami ergame tokko gara Iyoobii dhufee, «Nuuti qotiyyo'oon qotiisatti jirruun, harreeleelle kaloo nu biraa dheediisatti jirtuun, 
dedhuma namooti Sheeba'aa isaan lolanee, tajaajiltoota shallaaga'aan ijjeesanee, horii dannabanee deemane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe. 
Adoo ergamaan sun dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Mandiisuun buutee hoole'ee fi tajaajiltoota teeti fixxe; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe. 
Inniin kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Worri Kaldootaa addee saditti qoodamee, dedhuma nu lolee, gaala duudii fudhatee deeme; tajaajiltootalle shallaaga'aan ijjeese; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe. 
Ergamaan kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Ilmaan teetii fi ijoolleen durraa teeti mana obboleessa angafichaatitti nyaataa, daadhii woyni'ii uniisatti jirtuun, 
dedhuma hobonbolattiin goomolee irraa dhuttee, roga manaa arfanuu dhoottee, manni isaan irratti jigee dhumatane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe. 
Achiin duuba Iyoob ol ka'ee gaddaan woyaa ifii tarsaasee, mataa haadatee, lafatti gad gombifamee sagadee, 
«Ani qullaa gadhaa haadha tiyyaatii dhaladhe. Yoo du'ulle qullaa tiyya deebi'ee deema. Mootiin Waan Maraa kenne; inninuu fudhate. Maqaan isaa leellifamuu ti!» jedhe. 
Tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; Waaqa irralle'etti hantuu hin dubbanne. 
