﻿Kitaaba Nahimiya'aa.
9.
Ji'uma san gaafa guyyaa diddamii arfeesso'oo Israa'elooti marroo cubbu'uutiif akka gaddane mudhisiisaaf woyaa gaddaa uffatanee, bukuu mataa ifii irratti firfifatanee, laamiisaaf wolitti qabamane. 
Worri sanyii Israa'elii te'ane martinuu worra ormaa irraa gargar bayanee dhaabbatanee, cubbuu ifii hujanee fi abbootiin isaanii hujje duudii dhugaa-baasane. 
Adduma dhaabbatanetti saatii sadiif kitaaba Seera Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii, isaaniif dubbifame; akkasuma saatii sadiif cubbuu ifii dhugaa-baasaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif sagadane. 
Iyaasuun, Baani, Qadmii'el, Shebaniyaan, Buni, Sherebiiyaan, Baanii fi Kenaan fa'a, yaabbannoo worri Lewwootaa irra bayanu irra dhaabbatanee, qoonqoo guddo'oon gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatane. 
Lewwooti worri Iyaasuu, Qadmii'el, Baani, Hashabniiyaa, Sherebiiyaa, Hodiiyaa, Shebaniyaa fi Fitaahiyaa jedhamanu, «Ka'a'aatii Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka bara baraa leellifadha'a! ‹Maqaan keeti ulfaataan, ka galataa fi eebba duudii irra ol aanu leellifamuu ti!› jedha'a!» jedhane. 
Achiin duuba kolbaan Israa'elii, «Ee Mootii Waan Maraa! Mootiin Waan Maraa si qofa. Ol-gubbaa, ol-gubbaa ol-gubbootaalle dada isaan keessaa woliin, lafaa fi waan isii irra jiru duudii, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii sittuu dade. Ati isaan duudi'iifuu jiruu kennite; dadi ol-gubba'aa si'iif sagaddi. 
«Ati Mootii Waan Maraa Waaqa Abraam filattee, biyya Kaldootaa Ur keessaa baattee, maqaa isaa ‹Abrahaam› jettee moggaatte. 
Akkasuma inni si'iif addatamaa akka te'e dhaggitee, biyya kana'aanotaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Yibusootaatii fi Girgaashotaa isaa fi sanyii isaatiif kenniisaaf waadaa galte. Ati qajeelaa waan teeteef, waadaa galte isaaf muummessite. 
«Biyya Gibxi'iititti rakkinna abbootii teenna dhaqqabe dhaggitee, abbaayaa diintuu birattille iyya isaanii dhageettee, 
mootiin Gibxi'ii, qondaaltoti isaatii fi kolbaan lafa isaa irra leetu attam akka kolbaa teeti hucuucane waan beetteef, baasaa fi bilbaasa hujjee itti mudhitte. Tana waan gooteef, gurri keeti haga adhaa ol ka'eera. 
Abbaayaa fuula isaanii duratti gargar qooddee, lafa godduu irra akka dabaranu goote. Akka dhakaa abbaayaa qile'etti qolaanfamuu, worra isaan ari'aa turelle qile'etti qolaansite. 
Kolbaa teeti ammoo, guyyaa utubaa duumensaatiin, halkanille karaa isaan irra deemanu akka isaaniif issuuf, utubaa ibiddaatiin sooressite. 
«Ati ol-gubbaa irraa gara gaara Siina'aa gad buutee, isaanitti dubbattee, seera qajeela'aa fi muraa dhuga'aa, sirnaa fi ajaja dansaa isaaniif kennite. 
Sanbata keeti woyyichalle akka beekanu gootee, karaa garbicha keeti Muuse'eetiin, ajaja, sirnaa fi seera keeti isaaniif kennite. 
Yennaa beelayanelle ol-gubbaa irraa sagalee isaaniif kennitee, yennaa dheebotanelle rassaa keessaa bisaan isaaniif burqisiitte. Biyya isaanii kenniisaaf waadaa galtetti akka galanuuf isaan ajajje. 
«Abbootiin teenna ammoo koortee, mataa jabaattee, ajaja keetiif ajajamuu didde. 
Isaan ammoo ajajamuu didanee, bilbaasa ati isaan oddu'utti hujjelle dedhane. Mataa jabaatanee gara garbummaa ifii Gibxi'iititti deebi'iisaaf nama isaan sooressu filatane. Ati ammoo Waaqa jaalala bara baraatiin guutanteertu, ka mufi'iif hin ariifanne, ka araarantu, arja'aa fi mararaa waan teeteef isaan hin lakkinne. 
Isaan fakkii jabbi'ii ifiif hujanee, ‹Mootiin Waan Maraa ka biyya Gibxi'ii keessaa nu baase kana› jedhanee, isaan guddoo si faanshessane. 
«Marartiin teeti guddoo waan teeteef, ati ammoo goomolee keessatti isaan hin lakkinne. Utubaan duumensaa guyyaa, utubaan ibiddaa ammoo halkan isaan sooresse. 
Akka isaan barsiisuuf, Ayyaana keeti isaanii kennite. Mannaa isaan nyaatanuu fi bisaan unanu isaanii kennite. 
Ati lafa goomole'ee keessatti woggaa afurtama isaan qarqaarte. Isaan womaa hin dhanne, woyaan isaanii hin dulloonne, miilli isaaniille hin iitonne. 
«Ati mootummootaa fi gosa biyya adda addaa Israa'eliif kennitee, isaanille biyya sihoonii mootii Heshibooniitii fi Oogii mootii Baashaanii qabatane. 
Ati ijoollee isaanii akka urjoota ol-gubba'aa baceessitee, gara biyyaa abbootiin isaanii itti galanee akka qubatanu waadaa galteetitti isaan galchite. 
Ijoolleen isaaniille lafa Kana'aanii injifatanee qabatane; ati kolbaa achi keessa leetu mootota isaaniitii fi worra biyya sanii woliin akka fedhane akka isaan godhanuuf, harka isaanii keessa galchite. 
Isaan qachoota gugurdaa ka dalleya dhaka'aa qabuu fi lafa laattuu, mana meya dadansa'aan guutamane, boolla bisaanii ta qotanteertu, addee woyni'iitii fi muka ejersaa, akkasuma mukoota midhaanii hedduu qabatane. Maarre isaan nyaatanee quufanee gabbatanee, waan dadansaa guddoo ati isaanii kennitetti gammadane. 
«Duubarra ammoo ajajama didanee, si finqilanee, Seera keeti irra duubatti deebi'ane. Raagota teeti worra akka isaan gara keeti deebi'anu isaan xixe ijjeesanee, kana godhiisaan guddoo si faanshessane. 
Tanaaf harka diinota isaanii, worra isaan rakkisetti dabarsitee isaan kennitee, isaan yennaa rakkatane sitti iyyane; ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee, marartii teeti guddo'oon, harka diinota isaanii keessaa worra isaan baasu sooreyyii isaaniif kennite. 
«Isaan foora dhaggataneen duuba ammoo, deebi'anee si duratti hantuu hujanee, atille harka diinota ol aantumma'aan bulchutti isaan lakkitte. Te'uu malee yennaa isaan deebi'anee sitti iyyane, ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee, marartii teeti guddo'oon, yennaa hedduu isaan baache. 
«Gara Seera keetii akka deebi'anuuf, ati isaan gorsiteerta. Isaan kooranee seera keeti didane; waan si duratti sirrii te'e ka nami eegatee ittiin le'u irratti ka'anee cubbuu hujane. Mataa jabaatanee dudda sitti galanee morma jabeeffatanee, dhage'iisa didane. 
Ati bara hedduu isaaniif ossattee, karaa raagota teetiitiin Ayyaana keetiitiin isaan gorsite; te'uu malee isaan si hin dhageenne. Tanaaf ati kolbaa ollaa isaaniititti dabarsitee isaan kennite. 
Ammalle ati Waaqa marartii guddoo qabu waan teeteef, isaan hin ganne yookiin hin balleessine. Ati Waaqa marara'a; arjaalle'e. 
«Tanaaf amma, Waaqa keenna, ati gudda'a! Ati attam hunnaamessaa fi sodaatama'a! Ati Gondooro'oo fi jaalala keeti ka bara baraa ka eeddu! Rakkinna bara mootota Asooriitii jalqabee haga adhaalle nu irra, mootota teenna irra, qondaaltota teenna irra, hayyoota teenna irra, raagota teenna irra, abbootii teennaa fi kolbaa teeti mara irra geye qaabadhu! 
Waan nu irra geye maraaf ati dhugaa qadda; nuuti yakkaameyyii teenulle, ati addatama'a. 
Moototi teenna, qondaaltoti teenna, hayyooti teennaa fi abbootiin teenna Seera keeti hin eeganne. Yookiin ajaja keetii fi gorsa keeti hin qalbeeffanne. 
Isaan mootummaa ifii keessatti, lafa badho'oo fi laattuu ati isaaniif kennite keessa, yennaa turaneeyyuu siif hin tajaajille; cubbuu ifii irraa hin deebine. 
«Kunoo, nuuti adha lafa abbootiin teenna midhaan isi'iitii fi waan dansaa isiin baachu akka nyaatanuuf, ati isaaniif kennite keessatti garboota teene. 
Sababa cubbuu teennaatiif, wonni hedduun latti kennitu, mootota worra ati nu irratti mootonsiteef galti; Isaan nu'uu fi horii keenna irratti akka jaalatane godhan. Nuuti rakkinna guddaa keessa jirra. 
«Sababa waan te'e san maraa, nuuti barreeffamaan wolii galtee tokko goona; qondaaltoti teenna, Lewwooti teennaa fi hayyooti teenna chaappaa itti godhan» jedhane. 
