﻿1 Dabarsi'i.
16.
Isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabeef keessa keyane; achiin duuba kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessane. 
Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessee fixeen duuba, maqaa Mootii Waan Maraatiin kolbaa eebbise. 
Inni Israa'eloota tokko tokkoof dhiiraa fi dubarti'iif, xaltaa daabbo'oo tokko tokko, foon gumaa tokko tokko, bixee midhaan woyni'ii tokko tokko hireef. 
Daawiti Lewwoota keessaa worra garii ka Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tajaajilanuu fi ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gaafatanu, ka galateeffatanuu fi leellifatanu file. 
Sooressi isaanii Asaaf, itti aanaan Zakaariyaas; worri maseenqo'oo fi kiraara guddicha dhowanu Yeyi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el; Asaaf sibiila wolitti dhowee qilillisiisa. 
Hayyooti Benaayaanii fi Yahaazi'el yennaa mara, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan. 
Guyyaa san faaruun galataa ta Mootii Waan Maraa ta Daawiti qara Lewwootii fi Asaaf akka faarfatanu itti kenne ta asii gad jirtu: 
Mootii Waan Maraa galateeffadha'a; maqaa isaa waammadha'a; Waan inni godhelle odduu gosa biyya adda addaatitti beessisa'a. 
Isa faarfadha'a; isa leellifadha'a hujii isaa ta maade'ee hima'a. 
Maqaa isaa woyyichaan bondhoora'a; worri Mootii Waan Maraa barbaadu firinxiixuu ti. 
Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa barbaada'a; Yennaa mara fuula isaa barbaadadha'a! 
Hujii maade'ee ta inni huje, baasa isaatii fi muraa inni kennelle qaabadha'a. 
Ee, isin sanyiin Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaa, isin sanyii Israa'elii, ta Waaqaaf filatantane, 
Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna; muraan isaa lafa mara hin dhaqqaddi. 
Inni Gondooroo ifii haga bara baraa, ajaja ifiille haga dhaloota kumaa hin yaadata. 
Gondooroo Abrahaam woliin gondoorate, kakuu Yisihaqiif waadaa gale hin eegata. 
Tun Yaaqoobiif seerata jabaa, Israa'eliifille Gondooroo bara baraa akka teetuuf godhe. 
Inni, «Qooda dhaala sanyii teetii akka teetuuf, lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe. 
Yennaa san laakkossi isaanii hin bacanne, isaan nama diqqaa lafa sanitti alagaa te'e. 
Gosa biyya tokkoo irraa gara gosa biyya tokkootitti, mootummaa tokko irraa gara mootummaa tokkootitti daaqane. 
Inni nami tokkolle akka isaan cunqursu hin lakkinne; inni isaaniif jedhee moototaayyuu xixee, 
«Worra ani muude hin tuqina'a; raagota tiyyalle hin miidhina'a» jedhe. 
Biyyi lafaa martinuu Mootii Waan Maraatiif faarfadha'a; fayyisuu isaalle guyyuma guyya'aan odeessa'a. 
Gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna isaa, kolbaa mara oddu'utti hujii baasa isaa ta baasaa lassa'a. 
Mootiin Waan Mara guddaa waan te'eef guddoo leellifamuu qaba; waaqota mara caalaa sodaatamuu qaba. 
Waaqoti gosa biyya adda addaa marti waaqota dharaa ti; Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade. 
Ulfinnaa fi arnyi fuula isaa dura jabeennii fi gammadi addee bultoo isaa jiran. 
Ee, isin firri gosa biyya adda addaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; ulfinnaa fi jabeenna isaalle leellisa'a. 
Ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; kennansa fida'aatii isa dura dhikaadha'a. Ulfinna woyyummaa isaatiif, Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a. 
Lafa mara isa duratti sheephisa'a; Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatteerti; isiin ijjumaa hin tachootu. 
Ol-gubbaan gammadduu ti; lattille firinxiixxuu ti. Kolbaan gosa biyya adda addaa oddu'utti, «Mootiin Waan Maraa mowe» jettuu ti. 
Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti shookkisanuu ti; ficha'aa fi wonni isa keessaa marti firinxiixanuu ti. 
Mootiin Waan Maraa biyya lafaa irratti muriisaaf waan dhufuuf, mukooti gongoma'aa gammadaa isa duratti faarsanuu ti. 
Maganne'e, Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te'eef, isa galateessa'a. 
Isin, «Nuuti maqaa keeti woyyicha akka galateeffannuuf, ulfinna keeti akka leellifannuuf, ee, Waaqa fayyisaa keenna, ati gosa biyya adda addaa harkaa nu baasiitii, wolitti nu qabi» jedhaalle'e. 
Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii haga bara baraa leellifamuu ti. Achiin duuba kolbaan marti, «Ameen! Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti» jette. 
Asaafii fi Lewwooti akka isaa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti, guyyuma guyya'aan akka tajaajilanu, Daawiti achitti isaan lakkise. 
Akkasuma ammalle Obed-Edoomii fi Lewwooti akka isaa namooti jaatamii saddeeti, ilmi Yedutuu Obed-Edoomii fi Hosaah karra akka eeganuuf achitti isaan lakkise. 
Zaadoqii Hayyichaa fi hayyoota akka isaa, Dunkaanii Woldeenna'aa ta Mootii Waan Maraa ta addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessa jirtu duratti, 
guyyaa mara ganamaa fi galgala, akkuma seera Mootiin Waan Maraa Israa'eliif kenne keessatti barreeffametti, addee ciinca'aa irratti kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanuuf, Daawiti achitti isaan lakkise. 
Isaan wolille'een Hemaan, Yedutuu fi worri dhibiin hafe ka filame, «Jaalalli Mootii Waan Maraa ka bara baraa ti» jedhaa faarsulle woliin jiraniiyyu. 
Hemaanii fi Yedutuun itti gaafatantoota meya ittiin Waaqa faarfatanuu, ka tultulla'aatii fi sibiila wolitti dhowanee qilillisiisanuu te'ane. Ilmaan Yedutuu eeddota karra dalleyaa te'ane. 
Achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii galte; Daawitille maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii dhaqe. 
