﻿Kitaaba Saamu'elii Ka Lammeesso'oo.
1.
Saa'ol du'een duuba, Daawiti Amaaleqoota injifatee deebi'ee, qachaa Siiqlaagii keessa guyyaa lama ture. 
Guyyaa sadeesso'oo nami gaddaan woyaa ifii tarsaasee bukuu mata'atti naqateeru tokko gara Daawitii dhufee, ulfinna Daawitiitiif lafatti gad gombifame. 
Daawitille, «Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate. Innille deebisee, «Ani quttuma loltoota Israa'elootaa keessaa baqadhee dhufe» jedheen. 
Daawitille, «Maanti maan te'e ree?» jedhee gaafate. Innille, «Namooti lola keessaa baqataneeran; nami bacaan du'eera; Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataanille du'aneeran» jedhe. 
Achiin duuba Daawiti, «Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataan akka du'ane ati attam beette?» jedhee dargaggeessa oduu isatti hime san gaafate. 
Dargaggeessi oduu tana isatti hime sun deebisee, «Akka tasaa, ani gaara Giilbo'aa gubbaa ol bayeeraayyu; achitti Saa'ol eboo ifiititti ciqilfatee adoo jiruu, garreettaan fardaan harkifamuu fi abbootiin fardaa ka Filisxeemotaa reebanee isa dhaqqabane. 
Saa'ol yennaa garagalee na dhagge na waame; anille owwaadhe. 
Inni, ‹Ati eennu?› jedhee na gaafate; anille, ‹Ani nama gosa Amaaleqootaa ti› jedhee deebise. 
Achiin duuba inni anaan, ‹Ani farra guddoo keessa galee, du'uu geyeera; lubbuun tiyya ammoo na keessaa hin baane, koyii na ijjeesi› jedhe. 
Maarre inni jigeen duuba akka hin hanne ani waan beekeef isa ijjeese; kallacha mataa isaa irra jiruu fi irmuura harka isaa irraa baasee kunoo si goottaa kiyyaaf fideera» jedhe. 
Yennaa tana dhage'ane Daawitii fi namooti isa woliin jiranu marti gaddanee woyaa ifii tarsaasane. 
Isaan lola keessatti shallaaga'aan waan ijjeefamaneef, Saa'olii fi ilma isaa Yonaataaniif, loltoota Mootii Waan Maraatii fi Israa'eloota maraaf gaddanee bowanee haga galgalaatitti laamane. 
Daawiti dargaggeessa oduu tana isatti himeen, «Ati eessaa dhutte?» jedhee gaafate. Innille, «Ani ilma alaga'aa ta nama gosa Amaaleqootaa ti» jedhee deebise. 
Daawitille, «Ati nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesiisaaf maaf hin sodaanne ree?» jedhee isa gaafate. 
Achiin duuba Daawiti namoota ifii keessaa nama tokko waamee, «Dhaqiitii, isa dhowii ijjeesi!» jedhe; innille isa dhowee ijjeese. 
Daawitille isaan, «Ati, ‹Ani nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeeseera› jettee afaanuma keetiin dhugaa waan baateef, du'a keetiif si'umatti itti gaafatama» jedhe. 
Daawiti marroo Saa'oliitii fi marroo ilma isaa Yonaataanii gaddee faarse. 
Faaruu gaddaa ta daayaa tana kolbaa Yihuda'aa akka barsiisanu ajaje; faaruun gaddaa tun kitaaba, «Yaashaar» jedhamu keessatti barreeffanteerti. 
Faaruun Gaddaa tun, «Ee, Israa'el ulfinni keeti koobota teeti dhedheertuu irratti jige; loltooti teeti janni attam attam du'ane? 
Tana qachaa Gaatii keessatti hin odeessina'a; karaa qachaa Ashiqalonii keessatti hin lallabina'a. Durri Filisxeemotaa hin gammadin; durri worra haqanqabaa hin qabatinii hin firinxiixin. 
«Ee gaarota Giilbo'aa wonteen worra jajjabaa waan battootteef, wonteen Saa'olii haganaa achi zayiti'iin waan hin haxowanneef, fixeensi yookiin bokkeenni isin irratti hin bu'in; fichaan keessan midhaan hin baasin. 
Dhiiga worra du'ee irraa, cooma worra jajjabaa irraa, daayi Yonaataanii hin deebine; shallaagaan Saa'oliille tola hin deebine. 
«Saa'olii fi Yonaataan yennaa lubbu'uun jiranu, worra jaalatamee fi worra jajame; yennaa du'anulle gargar hin baane. Isaan risaa caalaa worra ariifatu, neenqa caalaa worra jajjaba. 
«Ee isin dubartoota Israa'elii nama woyaa liilana diima'aa isinitti uffisee, irmuura harka keessanitti keye, ka woyaa teessan seesa worqi'iitiin seeseef, Saa'oliif bowa'a. 
«Worri jajjabi lola keessatti attam akkana du'ane Yonaataan kooba dheertuu teeti irratti du'eera. 
«Ee obboleessa kiyya Yonaataan, ani si'iif gadda. Ati naaf jaalatama'a; jaalalli ati naaf qaddu ka maade'ee ti; jaalala dhiirti dubartootaaf qaddu caala. 
«Worri jajjabi attam attam du'ane? Mey isaanii ka woraanaa attam attam bade?» ta jettu. 
