﻿Kitaaba Saamu'elii Ka Qaraa.
1.
Biyya koobittii Efreemii, qachaa «Raamataayim-Zofiim» jedhamu keessa namichi, «Elqaanaa» jedhamu tokko jiraayyu; inni abutturoo Zuufii, abuuboo Tohuu, akaakoo Eliihu'uu, ilma Yerohaamii ti. 
Inni haadha manaa lama qaba; maqaan takkatti'ii Haannaa, ta taanii ammoo Phiniina'a. Phiniinaan ijoollee qaddi; Haannaan ammoo hin qaddu. 
Elqaanaan wogguma wogga'atti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi ciincaa dhikeessiisaaf qachaa ifiitii gara Shiilo'oo deemaayyu; achitti ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas hayyoota Mootii Waan Maraa te'anee tajaajilaniiyyu. 
Elqaanaan yennaa ciincaa dhikeessu mara foon ciinca'aaf dhikaate san irraa haadha manaa ifii Phiniina'aaf, ilmaan isi'iitii fi ijoollee isi'ii ta durraa maraaf qooda hin kennaayyu; 
inni Haannaa waan jaalatuuf qooda dachaa lama isi'iif kenna; te'uu malee Mootiin Waan Maraa isii deya dhooggeeraayyu. 
Mootiin Waan Maraa deya isii waan dhooggeef masaanuun isi'ii isii aarsitee bilinjeessite. 
Tunille wogguma wogga'atti waan teetuuf, Haannaan yennaa gara Galma Mootii Waan Maraa dhaxxu mara, boottee nyaata haga dadhaddutti, masaanuun isi'ii isii bilinjeessiti. 
Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan isi'iin, «Haanna'a! Ati maaf bootta? Maaf sagalee hin nyaatin? Maaf gadhaan keeti gadda? Ani ilmaan kudhan si'iif hin caaluu?» jedhee isii gaafate. 
Gaafa tokko isaan Shiilo'otti nyaatanee unaneen duuba Haannaan kaatee dhaabbate; Eliin hayyichi garuu mikikkila Galma Mootii Waan Maraa bira barcumaa irra tee'eeraayyu. 
Haannaan guddoo gadditee laaleffattee bowaa gara Mootii Waan Maraa daadimatte. 
Isiin, «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, salphinna na garbittii teetii ilaaltee naa yaadattee, na dedhuu dhaddee, ilma yoo naaf kennite, ani bara jiruu isaa mara isa si'iif hin kenna; rifeensi mataa isaalle ijjumaa hin haadamu» jettee waadaa galte. 
Haannaan gara Mootii Waan Maraa yennaa daadimataa turte, Eliin afaan isi'ii ilaale. 
Isiille gadhaa ifii keessatti waan daadimattuuf, hidhiin isi'ii hin tachooti malee qoonqoon isi'ii hin dhage'anne; tanaaf Eliin waan isiin machootte seye. 
Inni isi'iin, «Ati haga yoomii machootta? Daadhii woyni'ii tana ifi irraa fageessi» jedhe. 
Haannaan ammoo deebittee, «Waawwo'o, goottaa kiyya! Ani daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unne; ani dubartii gadda guddaa irra jirtu; tanaaf rakkinna kiyya gara Mootii Waan Maraa dhikeeffatiisatti jira. 
Ani gaddii fi aariin natti bacatanee haga kana mara daadimatiisatti waan jiruuf ana garbittii teeti akka waan woy hin baaneetitti hin laakkowin» jetteen. 
Achiin duuba Eliin deebisee, «Nageyaan deemi! Waaqi Israa'elii waan ati isa gaafatte si'iif kennuu ti» jedheen. 
Isiille, «Ani garbittiin teeti si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jette. Achiin duuba kaatee ideente; sagalee nyaattee gaddiisalle lakkitte. 
Isaan barii ganama ka'anee Mootii Waan Maraa duratti sagadane; achiin duuba gara mana ifii Raama'atti deebi'ane. Elqaanaan haadha manaa ifii Haannaa woliin rafee Mootiin Waan Maraa isii qaabate. 
Maarre Haannaan ulfoottee yennaan geennaan ilma deettee, «Ani Mootii Waan Maraa gaafadhee isa dhaggadhe» jettee maqaa isaa Saamu'el baafatte. 
Elqaanaan ciincaa wogga'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaa fi waadaa gale muummessiisaaf maatii ifii mara woliin gara Sheelo'oo ol baye. 
Haannaan ammoo isa woliin ol hin baane; isiin abbaa manaa ifiitiin, «Annuun akkuma harma irraa gu'een, ani Mootii Waan Maraa dura isa hin dhikeessa; innille haga bara baraa achi hin le'a» jette. 
Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan deebisee isi'iin, «Waan sitti tole godhi; inni haga harma irraa gu'u mana turuu ti; Mootiin Waan Maraa callaan waadaa ifii gale muummessuu ti» jedhe; maarre Haannaan haga ilmi isi'ii harma irraa gu'utti, hoosifataa mana turte. 
Inni yennaa harma irraa gu'e, isiin dardara woggaa sadii, bullaa kiiloogiraama kudhanii fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko qabattee, mucaa san gara Galma Mootii Waan Maraa Shiiloo geessite. Inni yennaa san daa'ima diqqa'a. 
Isaan dardara san yennaa qalane mucaa gara Eli'ii geessane. 
Haannaan Eli'iin, «Ee goottaa kiyya, ka jiraataa teete; dubartiin as si dura dhaabbattee gara Mootii Waan Maraa daadimataa turte sun ana. 
Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne. 
Tanaaf, anille isa Mootii Waan Maraatiif hin kenna; innille bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif hin kennama» jette. Inni achitti Mootii Waan Maraa waaqonfate. 
