﻿Kitaaba Abbootii Mura'aa.
5.
Guyyaa san Debora'aa fi ilmi Abiino'aamii Baaraaqi faaruu asii gad jirtu faarfatanee, 
«Sooressitooti Israa'eloota waan sooressaneef, kolbaalle fedhii ifiitiin duuliisaaf waan murteeffatteef Mootii Waan Maraa galateeffadha'a! 
«Isin Mootoleen, dhage'a'a! Isin sooreyyiin, caqasa'a! Ani Mootii Waan Maraatiif hin faarsa! Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin leellifadha. 
«Ee Mootii Waan Maraa, yennaa ati gaara Se'iirii irraa kaate, yennaa ati biyya Edoomii keessa deente latti tachootee, ol-gubbaan bisaan dhangalaatte; duumensille bokkeya roobisiise. 
Gaaroti Mootii Waan Maraa Waaqa Siina'aa duratti, fuula Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii duratti tacho'ane. 
«Bara Shamgaarii ilma Anaatii, bara Yaa'elii karaan guddaan one; worri karaa deemulle karaa miliffataatiin deemaniiyyu. 
Haga guyyaa ani Deboraan Israa'eliif akka haadhaa te'ee ka'etti, qachaan Israa'elii oneera. 
Achiin duuba Israa'elooti waaqota dur hin beenne yennaa filatane, lolli gara karra qacha'aa dhufe; Israa'eloota kuma afurtama oddu'utti, wonteen yookiin eboon hin dhagganne. 
Gadhaan kiyya dura aantota worra woraanaa ka Israa'elii, ka fedhii ifiitiin duuliisaaf murteeffate bira jira. Mootii Waan Maraa leellisa'a! 
«Isin worri harree adaadii irraa teettanu, worri gilaasii seefante irra teettanu, worri karaa irralle deddeentanu, marroo waan kanaa hima'a. 
Qeexala worra heddu'uu ka adaala boolla bisaaniitii dhage'amu dhage'a'a; qeexalli sun injifachaa Mootii Waan Maraa, injifachaa kolbaa Israa'eliille hima. «Achiin duuba kolbaan Mootii Waan Maraa gara karra qacha'aa gad buute. 
Debora'a, ka'i, Ka'i! Ka'i, ka'iitii faarfadhu! Baaraaqii ilma Abiino'aamii, atille ka'i! Worra boojite qabadhuu deemi. 
«Achiin duuba worri hafe gara qondaaltotaa gad bu'ane. Kolbaan Mootii Waan Maraa marroo tiyyaaf worra hunnaameyyii loliisaaf dhutte. 
Worri dhufelle, sanyii Efreemii keessaa gariin addee dur worri Amaaleqootaa le'u irraa dhufane. Worri dhibiille sanyii Beniyaamii keessaa dhufane. Sanyii Maakiirii keessaa dura aantoti worra woraanaa, sanyii Zebuloon keessaa worri ulee bokku'uu qabatu dhufane. 
Sooressitooti sanyii Yisaakorii Deboraa woliin dhufane; Baaraaqille sanyii Yisaakorii woliin dhufee, gara dhooqaa isa gula ori'e. Sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee murteeffatiisa hin dandeenne. 
Maaf odduu gooree hoole'ee teettane? Madha hoole'ee dhage'iisaafii? Eeti'i, sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee murteeffatiisa hin dandeenne. 
Sanyiin Giil'aad laga Yordaanosii irraa gara aduun baatutti turte; sanyiin Daanii maaf hoboloo guddittii keessa turte? Sanyiin Asheerii qarqara abbaaya'aa, addee buufata hobolo'oo turte. 
Sanyiin Zebuloonii du'aaf ifi dabarsitee kennite. Sanyiin Niftaalemille koobota woraanaa irratti akkasuma goote. 
«Moototi dhufanee lolane; yennaa san mootota Kana'aanii qachaa Ta'ana'aatitti bisaan Megidoo biratti lolane ammoo meetii takkaalle, waan dhibiille hin saanne. 
Urjooti ol-gubbaa irra, daandii ifii irra deemaa Siiseraa lolte. 
Lagi Qiisonii ka durii durii sun, isaan haree dabare. Lubbuu tiyya, jabaadhuu deem! 
Fardoon Kotte'een hididditte; gulufaa gulufaa gara fardoo jajjaba Siisaara'aa dhaxxe. 
Ergamaan Mootii Waan Maraa, ‹Qachaa Merozii abaara'a! Worri qachaa san keessa le'u, Worra hunnaameyyii loliisaan, Mootii Waan Maraa qarqaariisaaf waan hin dhufiniif, akka malee abaara'a› jedhe. 
«Niitiin Heberii Qenichaa Yaa'el, dubartoota mara caalaa ta hiree dansaa qaddu teetuu ti; dubartoota dunkaanii keessa leetu caalaa ta hiree dansaa qaddu teetuu ti. 
Siiseraan, bisaan kadhate; isiin ammoo aanan isaaf kennite; qodaa goottole'eetitti itittuu dhikeessiteef. 
Isiin harka tokkoon togaa dunkaanaa qabattee, harka middaatiin burrisa hojjattootaa qabattee, Siiseraa dhoottee mataa butuchitee, shikaala san guunaa gurra isaatitti dhoottee jalaa fullaache. 
Inni laafee, miila isi'ii jalatti jige; Adduma jige sanitti du'e. 
«Haati Siisera'aa karaa foddaa manaatiin gad ilaaltee, iyyitee, ‹Garreettaan fardaan harkifamu ka mucaa kiyyaa maaf ture? hididdeettiin kottee fardaa maaf hin dhage'anne?› jette. 
Dubartooti tajaajiltooti isi'ii qarooleen, gaaffii isi'iitiif deebii kennane; isiin ifumaan ifiin dubbattee, 
‹Isaan boojuu booji'anee, dubartii tokko tokko yookiin lama lama loltoota tokko tokkoofuu, Siisera'aaf woyaa kuula adda addaatiin seefante, morma worra booji'eetiif woyaa kuula adda addaatiin seefante qoodamiisatti jiranii motii?› jette. 
«Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti marti badanuu ti. Worri si jaalatu ammoo, akka aduun ganamaa akka malee issitu, issanuu ti» jette. Achiin duuba biyya sanitti woggaa afurtama nageenni te'e. 
