﻿Kitaaba Seera Keessa Deebii.
33.
Nami Waaqaa Muuseen adoo hin du'iniin dura eebbi inni Israa'eloota eebbise ta asii gad jiru. 
Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irraa dhufee, akka aduu ganamaa Se'iir irraa isaaniif baye; gaara Phaaraanii irralle'ee isaaniif isse; inni ergantoota ifii kumaatama woliin dhufe; midda isaatitti ibiddi gabbatu jiraayyu. 
Dhuguma inni kolbaa ifii hin jaalata; woyyooti marti harka isaa keessa jiran. Isaan martinuu miila isaa jalatti hin sagadan; isa irralle'ee gorsa hin fudhatan. 
Seerri Muuseen kenne kun, qooda wolde'a Yaaqoobii ti. 
Yennaa sooressitooti kolba'aa gosa Israa'elii mara woliin wolitti qabamanu, Mootiin Waan Maraa Yeshuuruun irratti mootii te'e. 
Muuseen marroo gosa Ruubenii dubbatee, «Gosi Ruubenii le'uu ti malee, hin du'in. Laakkossi gosa isaa hin diqqaatin» jedhe. 
Marroo Yihuda'aa, «Ee Mootii Waan Maraa, iyya gosa Yihuda'aa dhage'i. Gara kolbaa isaanii isaan fidi! Harkuma keetiin isaan irraa dhooggi; yennaa isaan diinota ifii woliin wol lolanu ati isaan qarqaar» jedhe. 
Marroo gosa Lewwi'ii, «Uriimii fi Tumiim ta fedhii teeti ittiin beekanu, woyyoota teeti gosa Lewwi'iitiif kenniteerta. Ati Maasa'atti haga isaan ilaaltee, bisaan Mariibaa biratti isaan woliin mormite. 
Isaan si'iif jedhanee haajaa abba'aa fi haadha ifii lakkisanee, fira ifiitii fi ijoollee ifii dedhane. Isaan jecha keetiif ajajamanee, gondooroo teeti eegataneeran. 
Isaan sirna keeti Yaaqoob seera keetille Israa'el hin barsiisan. Isaan hixaana si duratti kennansa gubamu duudiille addee ciinca'aa keeti irratti hin dhikeessan. 
Ee Mootii Waan Maraa, hunna isaanii eebbis; hujii harka isaaniititti gammad. Worra isaan irratti ka'u dhowi; diinoti isaanii deebi'anee akka hin kaane hidha isaanii kuti» jedhe. 
Marroo gosa Beniyaamii, «Ka Mootiin Waan Maraa jaalatu, sodaa malee jiraata. Inni guyyaa mara itti waan gombobuuf, bobaa isaa jala jiraata» jedhe. 
Marroo gosa Yoseefii, «Mootiin Waan Maraa lafa isaanii fixeensa ol gubba'aatiin bisaan lafa gad fagoo keessa jirulle'een, 
midhaan filatamaa adu'uun geyeen, ka dansaa yennaa yenna'aan galfatanuun, 
waan hedduu dansaa gaara durii irraa dhaggamanuun, waan hedduu dansaa koobota bara baraa irraa dhaggamanulle'een, 
waan guddoo dansaa latti baattuun, Mootii Waan Maraa ka haxanxarii bobeettu keessatti dubbateen eebbifantuu ti. Tun marti Yoseefii obboleeyyan ifii keessaa bulchaa te'eef teetuu ti. 
Arnyi Yoseefii akka korma qara dhalatee ti; gaafoti isaa akka gaafota gafarsaa ti; gaafota ifii saniin gosa biyya adda addaa haga qaccee lafaatitti hin woraana. Efreem ka akkasii kuma kudhan qaba; Minaaseelle kuma hedduu qaba» jedhe. 
Marroo gosa Zebuloonii, «Ee Zebuloon, ati bayiisa teetitti, ee Yisaakor, atille dunkaanii teeti keessatti gammadi. 
Isaan gosa hedduu gara gaaraa hin waaman; achitti kennansa balchumma'aa hin dhikeessan. Qabeenna abbaaya'aa hin xuuxan; karra maansa keessatti dhokatelle hin baafatan» jedhe. 
Marroo gosa Gaadii, «Waaqi lafa Gaadii badhise ka eebbifame; Isaan akka neenqaa achi le'anee, harkaa fi mataa hin kukkutan. 
Qoodi sooressumma'aa isaaniif waan kennameef, lafa laayyoo hin filatan. Sooreyyiin kolba'aa yennaa wolitti qabamane, isaan fedha Mootii Waan Maraa qajeela'aa fi muraa isaa Israa'eliif muummessane» jedhe. 
Marroo gosa Daanii, «Daan akka ilmoolee neenqaa, ta Baashaan keessaa utaaltuu ti» jedhe. 
Marroo gosa Niftaalemii, «Ee Niftaalem isin Mootii Waan Maraatiin fudhatama guddaa qaddan; eebba isaatille'een guutantaneertan; isin lafa haga kibba abbaayaa Galiila'aa hin qabatan» jedhe. 
Marroo gosa Asheerii, «Gosi Asheerii gosa dhibii caalaa ta eebbifante. Obboleeyyan isaanii isaan jaalatanuu ti; latti isaanii muka ejersaatiin ta tolte teetuu ti. 
Danqaraan karra isaanii sibiilaa fi sageettuu teetuu ti; nageenni isaanii bara isaanii woliin qixxawuu ti. 
«Ee Yeshuuruun, Waaqi akka Waaqa keessanii ka isin qarqaariisaaf ol-gubbaa irra duumensa irralle arnya ifiitiin deemu tokkolle hin jiru. 
Waaqi bara baraa addee isin itti baqattanu; irreen isaa ta bara baraalle isin utuddi. Inni diinota keessan isin duraa ari'aa, ‹Isaan balleessa'a› hin jedha. 
Kolbaan Israa'elii qofii ifii bidhaa malee jiraatti; sanyiin Yaaqoobiille, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii keessa, addee ol-gubbaan fixeensa gad coccossitu keessa nageyaan jiraatti. 
Ee kolbaa Israa'elii, isin gammada'a! Kolbaan akka keessanii ta Mootiin Waan Maraa baase tam? Wonte'ee fi qarqaarsi keessan, shallaagaan keessan ka ulfinnaalle isa; diinoti keeti si duratti hin hohollatan, isin isaan irra hin sirbitan» jedhe. 
