﻿Kitaaba Seera Keessa Deebii.
1.
Dubbiin Muuseen lafa Yordaanosii karaa aduun baatu jirtu goomolee Arabaayii keessatti fuullee Suufiititti, Phaaraanii fi Tofel wodhakkaa, Laabaan, Haserootii fi Diizaahabitti Israa'elootatti dubbate ta asii gad jirtu: 
Karaa gaara Se'iiriitiin gaara Siina'aa irraa haga Qaadesh-Barne'aatitti, karaa guyyaa kudhanii tokkoo ti. 
Israa'elooti biyya Gibxi'iitii baatee woggaa afurtameesso'ootitti, ji'a kudhanii tokkeesso'oo, guyyaa tokkeesso'ootitti, Muuseen waan Mootiin Waan Maraa marroo isaaniitiif isa ajaje mara Israa'elootatti hime. 
Tun eega inni mooticha Amoorotaa Sihoon ka Heshiboon keessa tee'ee bulchuu fi mooticha Baashaanii Oog ka Ashitaaroti keessa tee'ee bulchu Edraayitti injifateen duuba teete. 
Muuseen lafa Mo'aabii ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jirtu keessatti seera Waaqaa barsiisiisa jalqabee, 
Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna gaara Siina'aa irratti nu'uun, «Kunoo isin, gaara kana gubbaa yennaa dheertuu turtaneertan. 
Amma asii ka'a'aatii gara biyya koobittii Amoorotaa, gara kolbaa ollaa isaanii ta Arabaayi keessaa mara, gara lafa gaaraa, gara lafa koobota jalaa ta gara aduun seentuu, gara goomolee kibba kana'aanii, ta irga abbaayaa Mediteraaniya'aa gara lafa kana'aanotaa, gara Libaanonii haga Efraaxiisii laga guddichaatitti deema'a. 
Kunoo, ani Mootiin Waan Maraa, lafa ani abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi sanyii isaaniitiif kenniisaaf waadaa gale, isiniif kenneera; dhaqa'aatii qabadha'a» jedheera. 
Ani yennaa san, isiniin, «Isin natti ba'aa guddoo ulfaattuu ta ani qofii tiyya ba'atiisa hin dandeenne. 
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan laakkossa dabalee, kunoo, isin adha akka urjii gubba'aa bacattaneertan. 
Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii akkuma waadaa isiniif galetti, yennaa kuma laakkossa keessan dabalee, isin eebbisuu ti! 
Te'uu malee ani attamiin qofii tiyya rakkoo teessan, ba'aa teessanii fi moromaa teessan ba'atiisa dande'a ree? 
Isin namoota qaroolee, hubanti'ii fi ulfinna qabanu gosa teessan fila'a; anille akka isaan sooressitoota teessan te'anu hin godha» jennaan, 
isin deebittanee, «Yaad ati dhikeessite dansa'a» naan jettane. 
Tanaaf sooressitoota gosa teessanii worra qaroo ulfinna qabanu san fuudhee, gosa gosa teessan irratti ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaatii fi qondaaltota kudhanii godhe. 
Ani yennaa san abbootii mura'aa teessan ajajee «Moromaa kolbaa teessan wodhakka'atti kaatu yookiin nama Israa'elii tokkoo fi alagaa wodhakka'atti kaatu ilaala'aatii, muraa dhuga'aa kenna'a. 
Muraa kennitanu irratti hin golina'a; nama gudda'aa fi nama diqqaalle wol qixa ilaala'a. Muraan ta Waaqaa waan teeteef, nama tokkolle hin sodaatina'a. Waan guddoo isinitti ulfaate natti fida'a, ani hin ilaala» jedhe. 
Ani yennaa san waan isin godhuu qaddanu mara isinitti himeera. 
Achiin duuba nuuti akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti gaara Siinaatii kaanee, akkuma dhaggitane, goomolee badho'oo fi sodaachittuu keessa karaa biyya koobittii Amoorotaatiin, gara biyya Qaadesh-Barne'aa dhandhe. 
Achiin duuba ani isiniin, «Isin biyya koobittii Amoorotaa, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu'uuf kennu geettaneertan. 
Kunoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa tana isiniif kenneera. Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii isinitti hime ol baya'aatii qabadha'a. Hin sodaatina'a; addii hin kutatina'a» jedhe. 
Achiin duuba isin marti gara kiyya dhuttanee, «Gara biyya sanii dhaqanee akka dooyanu dursinee namoota erginuu ti; isaan karaa achi nu geessuu fi qachoota itti dhaqaarru dooyanee deebi'anee nutti himanuu ti» jettane. 
Yaad kun dansaa natti fakkaannaan, anille gosa tokko tokko keessaa, nama tokko tokko namoota kudhanii lama file. 
Isaanille gara biyya koobitti'ii ol bayanee haga dhooqa Eshikolii deemanee dooyane. 
Midhaan lafa sanii keessaa garii fidanee dhufanee, «Latti Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nuu kennaaru lafa dansa'a» jedhanee nutti himane. 
Isin ajaja Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii mormitanee finqiltane malee, gara lafa sanii ol bayiisa hin jaalanne. 
Isin dunkaanii teessan keessatti gunguntanee, «Mootiin Waan Maraa nu jibbee, worri Amoorotaa akka nu balleessuuf, harka isaaniititti dabarsee nu kenniisaaf biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. 
Nuuti eessa dhaquu dandeenna ree? Namooti nuuti ergine, ‹Namooti achi jiru nu caalaa worra jajjaba'aa fi worra dhedheera'a; qachootille gugurda'a; dalleenni dhaka'aa ka qachoota saniille haga ol-gubba'aa dheerata; sanyii Aanaaqotaalle achitti dhaggineerra› jedhanee nu sodaachisaneeran» jettane. 
Achiin duuba ani isiniin, «Hin bararaqina'a. Isaan hin sodaatina'a. 
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ka isin dura deemu, biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti akkuma isiniif tolche, isiniif hin lola. 
Isin goomolee keessa haga addee tana geettanutti karaa dhaxxane mara irratti, akka abbaan ilma ifii ba'atu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan attam akka isin ba'ate achitti dhaggitaneertan» jedhe. 
Tun teetulle, isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessanitti hin addanne. 
Inni ideensa keessan irratti addee isin itti qubattanu isiniif barbaadiisaaf, karaa isin deemuu qaddanulle isinitti mudhisiisaaf halkan ibiddaan, guyyaa duumensaan isiniin dura deemeera. 
Mootiin Waan Maraa dubbii teessan tana yennaa dhage'e aaree, kakatee, 
«Dhaloota hamaa kana keessaa nami tokkolle lafa dansaa ani abbootii teessanii kenniisaaf waadaa gale san hin dhaggu. 
Ilma Yofune'ee Kaaleb malee, nami lafa san dhaggu hin jiru; inni lafa san hin dhagga; inni gadhaa tokkochaan ana Mootii Waan Maraa waan hordofeef, ani lafa inni miila ifiitiin irra ijjate mara isaaf, sanyii isaatiifille hin kenna» jedhe. 
Mootiin Waan Maraalle sababa keessaniif natti aaree, «Atille achi hin galtu. 
Iyaasuun ilmi Nunii qarqaaraan keeti ammoo gara lafa sanii hin gala; inni kolbaan Israa'elii lafa san akka dhaaltu waan godhuuf, ati isa jajjabeessi. 
«Ijoolleen teessan ta isin: Hin booji'anti jettane, ta waan hantu'uu fi dansaa gargar baasanee hin beenne lafa sanitti hin galti; ani lafa san isaaniif hin kenna; isaanille hin qabatan. 
Isin ammoo deebi'a'aatii, karaa gara abbaayaa diintu'uu geessuun gara goomole'ee deema'a» jedhe. 
Achiin duuba isin deebittanee, «Nuuti Mootii Waan Maraa yakkineerra. Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti ol baanee hin lolla» anaan jettane; lafa koobitti'itti ol bayanee loliis kasoo isinitti fakkaattee, tokko tokkoon keessan meya woraanaa hidhatane. 
Mootiin Waan Maraa ammoo, «Ani isin woliin waan hin jiraanneef, ‹Ol baatanee hin lolina'a. Diinoti keessan isin hin injifatan› jedhii isaanitti himi!» anaan jedhe. 
Maarre ani isinitti himeera; isin ammoo hin caqanne. Isin ajaja Mootii Waan Maraa finqiltanee mormiisaan koora keessaniin gara biyya koobitti'ii ol duultane. 
Worri Amoorotaa ka lafa koobittii san keessa le'anu gad bayanee isin lolanee akka tuuta kinniisaa isin ari'ane; Se'iirii haga Hormaatitti isin ari'anee ijjeesane. 
Isinille deebitanee Mootii Waan Maraa duratti boottane; inni ammoo bowa teessan hin caqanne; gurra ifiille gara keessan hin deebifanne. 
Tanaaf isin yennaa hedduu Qaadesh turtane. 
