﻿Kitaaba Seera Laakkossaa.
1.
Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baatee woggaa lammeesso'ootitti, ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa, goomolee Siina'aa keessatti, Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti Waaqi Muuse'etti dubbate. Inni Muuse'een, 
«Kolbaa Israa'elii duudii akka gosa gosa isaaniititti, akka maatii maatii isaaniititti dhiira ka te'ane mara laakkowiitii maqaa isaanii galmeessi! 
Atii fi Aaron kolbaa Israa'elii keessaa dhiira worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loluu dande'anu mara akka kutaa kutaa isaaniititti laakkowa'a! 
Gosa tokko tokkooyyuu keessaa nami tokko, ka sooressa maatii ifii te'e, isin qarqaaruu ti. 
Maqaan worra isin qarqaaruu: gosa Ruubenii keessaa, ilma Shiide'urii Eliizur; 
gosa Shimi'oonii keessaa, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el; 
gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Aminaadaabii Nahasoon; 
gosa Yisaakorii keessaa, ilma Zuwaarii Nataani'el; 
gosa Zebuloonii keessaa, ilma Helonii Eliiyaab; 
ilmaan Yoseefii gosa Efreemii keessaa, ilma Amiihudii Eliishaama'a; gosa Minaase'ee keessaa, ilma Phedaazurii Gamaali'el; 
gosa Beniyaaminii keessaa, ilma Giidewonii Abiidaan; 
gosa Daanii keessaa, ilma Amiishadaayii Ahii'ezer; 
gosa Aheerii keessaa, ilma Okraanii Fagi'el; 
gosa Gaadii keessaa, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf; 
gosa Naftaalemii keessaa, ilma Enaanii Ahiira'a» jedhe. 
Kolbaa hedduu keessaa, sooressitooti gosa abbootii isaanii ta durii, maatii kolbaa Israa'eliitiif worri mataa te'anee filamane isaan kana. 
Muuse'ee fi Aaron worra maqaan isaanii dhowame kana fudhatanee, 
ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa, wolde'a gumi'ii mara wolitti qabanee, dhiira worra woggaa diddamaatii fi diddamaa olii, akka gosaa fi maatii isaaniititti, tokko tokkoon maqaan isaanii galmeessane. 
Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Muuseen goomolee Siina'aa keessatti isaan laakkowe. 
Sanyii Ruubenii ilma angaficha Israa'elii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Ruubenii keessaa worri laakkowame 46,500. 
Sanyii Shimi'oonii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu akka gosaa fi maatii isaaniititti maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Shimi'oonii keessaa worri laakkowame 59,300. 
Sanyii Gaadii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Gaadii keessaa worri laakkowame 45,650. 
Sanyii Yihuda'aa keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Yihuda'aa keessaa worri laakkowame 74,600. 
Sanyii Yisaakorii keessa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Yisaakorii keessaa worri laakkowame 54,400. 
Sanyii Zebuloonii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Zebuloonii keessaa worri laakkowame 57,400. 
Ilmaan Yoseefii keessaa, sanyii Efreemii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Efreemii keessaa worri laakkowame 40,500. 
Sanyii Minaase'ee keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Minaase'ee keessaa worri laakkowame 32,200. 
Sanyii Beniyaaminii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Beniyaaminii keessaa worri laakkowame 35,400. 
Sanyii Daanii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Daanii keessaa worri laakkowame 62,700. 
Sanyii Asheerii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Asheerii keessaa worri laakkowame 41,500. 
Sanyii Naftaalemii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. 
Gosa Naftaalemii keessaa worri laakkowame 53,400. 
Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin Israa'elii kudhanii lamaan maatii ifii bakka bu'anee worri laakkowane isaan kana. 
Dhiirti Israa'elii worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu akka maatii isaaniititti laakkowamane. 
Worri laakkowame martinuu wolumatti 603,550. 
Te'uu malee, maatiin gosa Lewwootaa ammoo gosa dhibii woliin hin laakkowanne. 
Sababille Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 
«Gosa Lewwootaa hin laakkowin yookiin isaan laakkossa Israa'eloota dhibi'iititti hin dabalin! 
Tanaa mannaa, worra Lewwootaa dunkaanii dhugaa bayaa ta ani itti waaqonfamuu fi meya isii keessaa, waan isi'ii mara irratti itti gaafatantoota isaan godhi. Isaan isi'ii fi meya isi'ii mara ba'atanuu ti; isii keessa tajaajilaa, adaala isi'ii qubatanuu ti. 
Yennaa dunkaanii dhugaa bayaa buqqisanu, worri Lewwootaa buqqisuu ti; yennaa dhaabanulle worri Lewwootaa dhaabuu ti. Nami dhibiin ka isii bira dhaqe ijjeefamuu ti. 
Israa'elooti dhibiin golii golii ifiitiin baandiraa ifii biratti dunkaanii dhaabatanee adduma addaan qubatanuu ti. 
Lewwooti ammoo akka ani Israa'elootatti hin mufanne adaala dunkaanii dhugaa bayaatitti qubatanuu ti. Lewwooti dunkaanii dhugaa bayaa eegiisaaf itti gaafatantoota te'anuu ti» jedhe. 
Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti godhane. 
