﻿Kitaaba Seera Lewwootaa.
1.
Mootiin Waan Maraa Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa Muusee waamee, 
«Kolbaa Israa'elootaatiin ‹Isin keessaa nami ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hori'ii yennaa dhikeessu, loon keessaa yookiin hoolee keessaa yookiin re'ee keessaa dhikeessuu ti› jedhi. 
Kennansi kun kennansa hori'ii ka gubamu yoo te'e, korma fafa hin qanne te'uu ti; Mootii Waan Maraa duratti fudhatama akka qabaatu, seensuma gara Dunkaanii Woldeenna'aa duratti dhikeessuu ti. 
Nami sun harka ifii mataa horii kennansa gubamuu san irra kewuu ti; kunille gumaa cubbuu isaatiif bakka isaa bu'ee fudhatama qabaata. 
Inni korma ana Mootii Waan Maraa duratti qaluu ti; achiin duuba ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san fidanee addee ciinca'aa ta gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa jirtu san cinaa isi'ii mara irratti dhangalaasuu ti. 
Inni kennansa gubamu san gogaa irraa qalee kukkutuu ti. 
Ilmaan Aaronii hayyichaa addee ciinca'aa irratti ibidda gabbisanee qoraan itti naqanuu ti. 
Achiin duuba ilmaan Aaronii hayyooti foon kukkutame san, mata'aa fi cooma woliin qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irra tarree galchanee naqanuu ti. 
Inni meya gadha'aatii fi manyee bisaaniin dhiquu ti; hayyichi meya gadha'aatii fi manyee san mara addee ciinca'aa irratti gubee aarsuu ti; kennansi kun ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. 
«Kennansi gubamu kun tika hoole'ee yookiin tika re'ee keessaa yoo te'e, korbeessa fafa hin qanne te'uu ti. 
Inni addee ciinca'aa cinaa gara kaabaatitti fuula ana Mootii Waan Maraa duratti korbeessa san qaluu ti; ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga isaa cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasanuu ti. 
Inni foon san kukkutuu ti; hayyichille foon kukkutame san, mata'aa fi cooma woliin qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irra tarree galchee naquu ti. 
Namichi meya gadha'aatii fi manyeelee san bisaaniin dhiquu ti. Hayyichi ammoo kennansa gubamu san mara addee ciinca'aa irratti gubuu ti; kennansi gubamu kun ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. 
«Kennansi gubamu ka inni dhikeessu waan koolaan ka'u keessaa yoo te'e, saphaliisa yookiin maddoo te'uu ti. 
Hayyichi kennansa san addee ciinca'aatitti fidee, mataa micciiree, addee ciinca'aa irratti gubuu ti; dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa irratti coccossuu ti. 
Daakuu isi'ii baala isi'ii woliin keessaa baasee, addee ciinca'aa gara baya adu'uutitti, addee daadhaa itti gatanutti gatuu ti. 
Inni karaa koola isi'iitiin gad quncisuutii malee, irraa hin kutin; achiin duuba hayyichi qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irratti gubuu ti. Kun kennansa gubamu, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. 
