﻿Kitaaba Seera Dadaa.
1.
Waaqi jalqaba ol-gubba'aa fi lafa dade. 
Latti akka hin qadduuyyu; duwwaalle'e. Dukkanti qilee abbaaya'aa irra jirtiiyyu; Ayyaanni Waaqaalle bisaan irra tatacho'aa ture. 
Achiin duuba Waaqi, «Ifi te'uu ti» jedhe. Ifille te'e. 
Waaqi ifi dansaa akka te'e dhagge; inni ifa dukkana irraa gargar baase. 
Waaqi ifaan «Guyyaa», dukkanaan «Halkan» jedhee maqaa baase. Kun guyyaa qaraa ti. 
Waaqi, «Bisaan gad hafee fi bisaan ol hafe akka gargar baasu, gubbaan gombobbittiin teetuu ti» jedhe. 
Maarre Waaqi gubbaa gombobbittii godhee, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan gad jiru, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan ol jiruun gargar baase. Akkasuma teete. 
Waaqi gubbaa gombobbittii «Gubbaa» jedhee maqaa baase. Dhiite, bariitelle'e. Kun guyyaa lammeesso'oo ti. 
Waaqi, «Latti godduun akka mudhattuuf, bisaan gubba'aan jala jiru wolitti dacha'uu ti» jedhe. Akkasuma teete. 
Waaqi, lafa goddu'uun, «Lafa», bisaan wolitti dacha'een, «Abbaayaa» jedhee maqaa baase. Tunille dansaa akka teete dhagge. 
Achiin duuba Waaqi, «Latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu, baachuu ti» jedhe. Akkasuma teete. 
Maarre latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu baache; Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge. 
Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa sadeesso'oo ti. 
Akkasuma Waaqi, «Guyya'aa fi halkan gargar baasiisaaf gubbaa irratti ifooti jiraatanuu ti! Isaan beessisa yenna'aa, beessisa bonaa-gannaatii fi wogga'aa, 
ifoota gubba'aa te'anee lafa irratti ka ifa kennanu te'anuu ti» jedhe. Tunille akkasuma teete. 
Waaqi ifa gugurdaa lama godhe; ifi guddichi guyyaa, ifi diqqayyichi halkan akka ifu godhe. Urjootalle dade. 
Waaqi akka lafa irratti issanuuf gubbaa irra isaan keye. 
Guyya'aa fi halkan irratti baallii akka isaan qabatanuuf, ifa dukkana irraa gargar akka baasanuuf inni achi isaan keye. Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge. 
Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa arfeesso'oo ti. 
Achiin duuba Waaqi, «Bisaan lubbuu qabeeyyii adda addaatiin ka guutame te'uu ti; sinbirrootille lafaan gubbaa irra kaatuu ti» jedhe. 
Maarre Waaqi bineensa gugurdaa abbaayaa keessaa, lubbuu qabeeyyii bisaan keessa le'anu mara, sinbirroota gosa adda addaa mara dade. Waaqi Tunille dansaa akka teete dhagge. 
Waaqi, «Hora'aa heddadha'a; bisaan abbaaya'aa guuta'a; sinbirrootille lafa irra guuttuu ti» jedhee isaan eebbise. 
Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa shaneesso'oo ti. 
Achiin duuba Waaqi, «Latti, dada lubbuu qabanu, gosa adda addaa mara: horii, bineensota lafarra lowanu, bineensa gudda'aa fi diqqaa mara baattuu ti» jedhe. 
Waaqi bineensota lafaa akka gosa isaaniititti, horii akka gosa isaaniititti, bineensota lafa irra lowanu mara akka gosa isaaniititti dade. Inni tunille dansaa akka teete dhagge. Tunille akkasuma teete. 
Achiin duuba Waaqi, «Kowa'a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya'aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe. 
Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade. 
Waaqi, «Hora'a, heddadha'a, lafa guuta'a, harkatti isii galfadha'a! Qurxummii abbaaya'aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise. 
Waaqi, «Ani biqiltuu midhaan buuttuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buuttu ta lafa irraa duudii akka nyaattanuuf isinii kenneera. 
Akkasuma bineensa maraa fi sinbirroota qilleensaa maraaf, akka sagalee isaaniif te'u marraa fi biqiltuu baalaa isaaniif kenneera» jedhe; tunille akkasuma teete. 
Waaqi waan huje mara ilaale; martinuu guddoo dansaa teete; latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa jayeesso'oo ti. 
